Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: توبه   آیت:
يُرِيدُونَ أَن يُطۡفِـُٔواْ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفۡوَٰهِهِمۡ وَيَأۡبَى ٱللَّهُ إِلَّآ أَن يُتِمَّ نُورَهُۥ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu fedhu, Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida, Oduma kaafirtoonni jibbanuu.
عربي تفسیرونه:
هُوَ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلۡهُدَىٰ وَدِينِ ٱلۡحَقِّ لِيُظۡهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡمُشۡرِكُونَ
Inni (Rabbiin) Isa ergamaa Isaa qajeelumaafi amantii haqaatiin ergeedha,amantii hundarra ol taasisuuf jecha, odoma mushrikoonni jibbanuu,
عربي تفسیرونه:
۞ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلۡأَحۡبَارِ وَٱلرُّهۡبَانِ لَيَأۡكُلُونَ أَمۡوَٰلَ ٱلنَّاسِ بِٱلۡبَٰطِلِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِۗ وَٱلَّذِينَ يَكۡنِزُونَ ٱلذَّهَبَ وَٱلۡفِضَّةَ وَلَا يُنفِقُونَهَا فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَبَشِّرۡهُم بِعَذَابٍ أَلِيمٖ
Yaa warra amantan! Dhugumatti irra hedduun hayyootaafi moloksootaa qabeenya namootaa haqaan malee nyaatan; karaa Rabbii irraa (namoota) deebisu, Isaan meetaafi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne adabbii laalessaan isaan gammachiisi.
عربي تفسیرونه:
يَوۡمَ يُحۡمَىٰ عَلَيۡهَا فِي نَارِ جَهَنَّمَ فَتُكۡوَىٰ بِهَا جِبَاهُهُمۡ وَجُنُوبُهُمۡ وَظُهُورُهُمۡۖ هَٰذَا مَا كَنَزۡتُمۡ لِأَنفُسِكُمۡ فَذُوقُواْ مَا كُنتُمۡ تَكۡنِزُونَ
Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addawwan isaanii, cinaachowwan isaaniitiifi dugdoowwan isaanii isheen gubamu (kawuyeeffamu), “Kun waan isin lubbuulee keessaniif kuusaattani; waan kuusaa turtan dhandhamaa” (jedhamu)
عربي تفسیرونه:
إِنَّ عِدَّةَ ٱلشُّهُورِ عِندَ ٱللَّهِ ٱثۡنَا عَشَرَ شَهۡرٗا فِي كِتَٰبِ ٱللَّهِ يَوۡمَ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ مِنۡهَآ أَرۡبَعَةٌ حُرُمٞۚ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلۡقَيِّمُۚ فَلَا تَظۡلِمُواْ فِيهِنَّ أَنفُسَكُمۡۚ وَقَٰتِلُواْ ٱلۡمُشۡرِكِينَ كَآفَّةٗ كَمَا يُقَٰتِلُونَكُمۡ كَآفَّةٗۚ وَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلۡمُتَّقِينَ
Lakkoofsi ji’ootaa Rabbi biratti ji’a kudha lamaI, kitaaba Rabbii keessatti, gaafuma samiifi dachii uume. saan keessaa afur kabajamoodha. Sanatu amantii sirriiti. Isaan keessatti lubbuulee keessan hin miidhinaa. Mushrikoota tokko ta’aatii lolaa akkuma isaan tokko ta’anii isiniin lolan; Rabbiin warra isa sodaatan wajjin ta’uu beekaa.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: توبه
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول