Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: اعراف   آیت:
إِنَّ وَلِـِّۧيَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي نَزَّلَ ٱلۡكِتَٰبَۖ وَهُوَ يَتَوَلَّى ٱلصَّٰلِحِينَ
Jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedha, Inni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin).
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَسۡتَطِيعُونَ نَصۡرَكُمۡ وَلَآ أَنفُسَهُمۡ يَنصُرُونَ
Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruu hindandayan, lubbuulee isaaniitis hingargaaranu.
عربي تفسیرونه:
وَإِن تَدۡعُوهُمۡ إِلَى ٱلۡهُدَىٰ لَا يَسۡمَعُواْۖ وَتَرَىٰهُمۡ يَنظُرُونَ إِلَيۡكَ وَهُمۡ لَا يُبۡصِرُونَ
Yoo gara qajeelumaa isaan waamtan hin dhaga'anu. Kan isaan gara kee ilaalanu argita isaan hinargan.
عربي تفسیرونه:
خُذِ ٱلۡعَفۡوَ وَأۡمُرۡ بِٱلۡعُرۡفِ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡجَٰهِلِينَ
Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; toltuutti ajaji; wallaaltota irraa gara gali.
عربي تفسیرونه:
وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ نَزۡغٞ فَٱسۡتَعِذۡ بِٱللَّهِۚ إِنَّهُۥ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ إِذَا مَسَّهُمۡ طَٰٓئِفٞ مِّنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ تَذَكَّرُواْ فَإِذَا هُم مُّبۡصِرُونَ
Isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e isaan tuqe, (Rabbiin) yaadatu, Achumaan isaan argoodha..
عربي تفسیرونه:
وَإِخۡوَٰنُهُمۡ يَمُدُّونَهُمۡ فِي ٱلۡغَيِّ ثُمَّ لَا يُقۡصِرُونَ
Obboleeyyan isaanii jallina isaaniif dabalu, Ergasii (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا لَمۡ تَأۡتِهِم بِـَٔايَةٖ قَالُواْ لَوۡلَا ٱجۡتَبَيۡتَهَاۚ قُلۡ إِنَّمَآ أَتَّبِعُ مَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ مِن رَّبِّيۚ هَٰذَا بَصَآئِرُ مِن رَّبِّكُمۡ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu. jedhi "Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa, (Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e, qajeelfamaafi rahmata ummata amananiif ".
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا قُرِئَ ٱلۡقُرۡءَانُ فَٱسۡتَمِعُواْ لَهُۥ وَأَنصِتُواْ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
Yeroo Qur’aanni qara’ame isaaf dhageeffadhaa; cal’isaa akka rahmanni isiniif godhamuuf .
عربي تفسیرونه:
وَٱذۡكُر رَّبَّكَ فِي نَفۡسِكَ تَضَرُّعٗا وَخِيفَةٗ وَدُونَ ٱلۡجَهۡرِ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ بِٱلۡغُدُوِّ وَٱلۡأٓصَالِ وَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡغَٰفِلِينَ
Gooftaa kee faarsi lubbuu tee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala. Dagattoota irraa hin ta’in.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ ٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِهِۦ وَيُسَبِّحُونَهُۥ وَلَهُۥ يَسۡجُدُونَۤ۩
Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessu; Isaaf sujuuda godhu. [1]
[1] bakka tanatti namni qur'aana qarau sujuuda tokko godha. sujuuda tilaawaa (qaraatii qur'aanaa) jedhama. sunnaa jaalatamaadha. inni qur'aana keessa bakka 15 jira.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: اعراف
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول