Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: مائده   آیت:
قَالَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ ٱللَّهُمَّ رَبَّنَآ أَنزِلۡ عَلَيۡنَا مَآئِدَةٗ مِّنَ ٱلسَّمَآءِ تَكُونُ لَنَا عِيدٗا لِّأَوَّلِنَا وَءَاخِرِنَا وَءَايَةٗ مِّنكَۖ وَٱرۡزُقۡنَا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Iisaa Ilma Maryam ni jedhe: "Yaa Allaah! Gooftaa keenya! samii irraa maaddii nurratti buusi, tan ayyaana (guyyaa gammachuu) nuuf taatu, dura keenyaafii booda keenyaafis, tan mallattoo sirraa (buute) nuuf taatu, nu soori. Ati caalaa warra rizqii kennuuti."
عربي تفسیرونه:
قَالَ ٱللَّهُ إِنِّي مُنَزِّلُهَا عَلَيۡكُمۡۖ فَمَن يَكۡفُرۡ بَعۡدُ مِنكُمۡ فَإِنِّيٓ أُعَذِّبُهُۥ عَذَابٗا لَّآ أُعَذِّبُهُۥٓ أَحَدٗا مِّنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Rabbiin ni jedhe: "Ani ishee isinirratti buusaadha. Isin irraa namni san booda kafare, Ani adabbii aalama irraa tokkollee hin adabnen isa adaba."
عربي تفسیرونه:
وَإِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ ءَأَنتَ قُلۡتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِي وَأُمِّيَ إِلَٰهَيۡنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبۡحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِيٓ أَنۡ أَقُولَ مَا لَيۡسَ لِي بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلۡتُهُۥ فَقَدۡ عَلِمۡتَهُۥۚ تَعۡلَمُ مَا فِي نَفۡسِي وَلَآ أَعۡلَمُ مَا فِي نَفۡسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلۡغُيُوبِ
Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.
عربي تفسیرونه:
مَا قُلۡتُ لَهُمۡ إِلَّا مَآ أَمَرۡتَنِي بِهِۦٓ أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبَّكُمۡۚ وَكُنتُ عَلَيۡهِمۡ شَهِيدٗا مَّا دُمۡتُ فِيهِمۡۖ فَلَمَّا تَوَفَّيۡتَنِي كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيۡهِمۡۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ
Waan ati itti na ajajje malee waan biraa isaaniin hin janne, (sun) ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa' (jechuudha). Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa taate. Ati waan hunda irratti ragaadha.
عربي تفسیرونه:
إِن تُعَذِّبۡهُمۡ فَإِنَّهُمۡ عِبَادُكَۖ وَإِن تَغۡفِرۡ لَهُمۡ فَإِنَّكَ أَنتَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Yoo isaan adabde, isaan gabrootuma keeti. Yoo isaaniif araaramte, ati simatu injifataa, ogeessa.
عربي تفسیرونه:
قَالَ ٱللَّهُ هَٰذَا يَوۡمُ يَنفَعُ ٱلصَّٰدِقِينَ صِدۡقُهُمۡۚ لَهُمۡ جَنَّٰتٞ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ رَّضِيَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ وَرَضُواْ عَنۡهُۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Rabbiin ni jedhe: "Kun guyyaa warra dhugaa dubbatan dhugaan isaanii isaan fayyaduudha. Isaaniif ishee keessatti yeroo hunda hafaa ta'anii jannatoota jala ishee laggeen yaatutu jira. Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isarraa jaalataniiru. Kun milkii guddaadha."
عربي تفسیرونه:
لِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا فِيهِنَّۚ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرُۢ
Mootummaan samii, dachiifi wantoota isaan keessaa kan Rabbiiti. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: مائده
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول