Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: احقاف   آیت:
وَإِذَا حُشِرَ ٱلنَّاسُ كَانُواْ لَهُمۡ أَعۡدَآءٗ وَكَانُواْ بِعِبَادَتِهِمۡ كَٰفِرِينَ
Yeroo ilmi namaa walitti qabamu diinota isaaniif ta’u. Ibaadaa isaaniittis kafaroo ta’u.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ هَٰذَا سِحۡرٞ مُّبِينٌ
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman, isaan kafaran dhugaan nijedhan yeroo isaanitti dhufe “kun Sihrii ifa galaadha”.
عربي تفسیرونه:
أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۖ قُلۡ إِنِ ٱفۡتَرَيۡتُهُۥ فَلَا تَمۡلِكُونَ لِي مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔاۖ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَا تُفِيضُونَ فِيهِۚ كَفَىٰ بِهِۦ شَهِيدَۢا بَيۡنِي وَبَيۡنَكُمۡۖ وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Moo “(Muhammadtu SAW) sobaan isa uume” jedhu? (Yaa Muhammad!) jedhi “yoo ani sobaan isa uume (adabbii) Rabbii irraa homaa naaf tumsuu hin dandeessanu. Inni (Rabbiin) waan isin keessa galtan beekaadha. Anaafi isin giddutti ragaaf Inni ga’aadha. Inni araaramaa, rahmata godhaadha”.
عربي تفسیرونه:
قُلۡ مَا كُنتُ بِدۡعٗا مِّنَ ٱلرُّسُلِ وَمَآ أَدۡرِي مَا يُفۡعَلُ بِي وَلَا بِكُمۡۖ إِنۡ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ وَمَآ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٞ مُّبِينٞ
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalaqabaatii (kan fakkii hinqabnee) miti. Waan anaafi isin irratti dalagamuuf jiru hin beeku. Waan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofu. Ani sodaachisaa ifa bahaadha malee waan biraatii miti.”
عربي تفسیرونه:
قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كَانَ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِ وَكَفَرۡتُم بِهِۦ وَشَهِدَ شَاهِدٞ مِّنۢ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ عَلَىٰ مِثۡلِهِۦ فَـَٔامَنَ وَٱسۡتَكۡبَرۡتُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Jedhi “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni kun) Rabbi biraa ta’ee itti kafartan, raga bahaan Ilmaan Israa’ilii irraa ta’e fakkaataa isaa irratti ragaa bahee, yoo amanee isin immoo boontan, (isin miidhaa hin hojjannee)? Rabbiin miidhaa raawwattoota hin qajeelchu”.
عربي تفسیرونه:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَوۡ كَانَ خَيۡرٗا مَّا سَبَقُونَآ إِلَيۡهِۚ وَإِذۡ لَمۡ يَهۡتَدُواْ بِهِۦ فَسَيَقُولُونَ هَٰذَآ إِفۡكٞ قَدِيمٞ
Isaan kafaran isaan amananiin ni jedhu: “Odoo inni (Qur’aanni) waan gaarii ta’ee silaa gara isaatti nu hin dursanu ture.” Isaan eega hin qajeelinii “kun dhara duriiti” jechuuf jiru.
عربي تفسیرونه:
وَمِن قَبۡلِهِۦ كِتَٰبُ مُوسَىٰٓ إِمَامٗا وَرَحۡمَةٗۚ وَهَٰذَا كِتَٰبٞ مُّصَدِّقٞ لِّسَانًا عَرَبِيّٗا لِّيُنذِرَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُحۡسِنِينَ
Isa (Qur’aana) duras kitaaba Muusaa kan qajeelfamaafi rahmata ta’etu (ture). Kuni kitaaba dhugoomsaa, Afaan Arabaatiin (bu’ee) dha. akka warra miidhaa hojjatan sodaachisee, toltuu hojjattoota immoo gammachiisuuf.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُواْ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسۡتَقَٰمُواْ فَلَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ
Isaan “Gooftaan keenya Allaahdha” jedhanii ergasii (sana irratti) gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.
عربي تفسیرونه:
أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Isaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hunda jiraatu; mindaa waan dalagaa turaniif (isaanif kenname).
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: احقاف
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول