Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: زخرف   آیت:
وَمَا نُرِيهِم مِّنۡ ءَايَةٍ إِلَّا هِيَ أَكۡبَرُ مِنۡ أُخۡتِهَاۖ وَأَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡعَذَابِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Raajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnu. Akka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaan isaan qabne.
عربي تفسیرونه:
وَقَالُواْ يَٰٓأَيُّهَ ٱلسَّاحِرُ ٱدۡعُ لَنَا رَبَّكَ بِمَا عَهِدَ عِندَكَ إِنَّنَا لَمُهۡتَدُونَ
“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhu. Nuti ni qajeella” jedhan.
عربي تفسیرونه:
فَلَمَّا كَشَفۡنَا عَنۡهُمُ ٱلۡعَذَابَ إِذَا هُمۡ يَنكُثُونَ
Yeroo adabbii isaan irraa saaqnu yoggusuma isaan waadaa diigan.
عربي تفسیرونه:
وَنَادَىٰ فِرۡعَوۡنُ فِي قَوۡمِهِۦ قَالَ يَٰقَوۡمِ أَلَيۡسَ لِي مُلۡكُ مِصۡرَ وَهَٰذِهِ ٱلۡأَنۡهَٰرُ تَجۡرِي مِن تَحۡتِيٓۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Fir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaatuu? Sila hin agartanuu?” jedhe.
عربي تفسیرونه:
أَمۡ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي هُوَ مَهِينٞ وَلَا يَكَادُ يُبِينُ
“Isa laafaa (tuffatamaa), dubbii adda baasuutti hindhihaanne kana irra anatu caala.
عربي تفسیرونه:
فَلَوۡلَآ أُلۡقِيَ عَلَيۡهِ أَسۡوِرَةٞ مِّن ذَهَبٍ أَوۡ جَآءَ مَعَهُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ مُقۡتَرِنِينَ
(Yoo akkas ta’e) maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin qindaawanii maaliif hin dhufne?” (jedhe).
عربي تفسیرونه:
فَٱسۡتَخَفَّ قَوۡمَهُۥ فَأَطَاعُوهُۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ
Ummata isaa gowwoomse ajaja isaa fudhatan. Isaan ummata fincilaa turan.
عربي تفسیرونه:
فَلَمَّآ ءَاسَفُونَا ٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ فَأَغۡرَقۡنَٰهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Yeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsiifne.
عربي تفسیرونه:
فَجَعَلۡنَٰهُمۡ سَلَفٗا وَمَثَلٗا لِّلۡأٓخِرِينَ
Dhaloota boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne.
عربي تفسیرونه:
۞ وَلَمَّا ضُرِبَ ٱبۡنُ مَرۡيَمَ مَثَلًا إِذَا قَوۡمُكَ مِنۡهُ يَصِدُّونَ
Yeroo ilmi Maryam (Iisaan) fakkeenya godhamu ummanni kee (kaafiroonni) isarraa kolfu (gammadu).
عربي تفسیرونه:
وَقَالُوٓاْ ءَأَٰلِهَتُنَا خَيۡرٌ أَمۡ هُوَۚ مَا ضَرَبُوهُ لَكَ إِلَّا جَدَلَۢاۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٌ خَصِمُونَ
“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhan. Waan kana falmiif malee siif hin godhanu. Dhugumatti, isaan ummata mormitoota.
عربي تفسیرونه:
إِنۡ هُوَ إِلَّا عَبۡدٌ أَنۡعَمۡنَا عَلَيۡهِ وَجَعَلۡنَٰهُ مَثَلٗا لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee malee waan biraa miti, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne .
عربي تفسیرونه:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَا مِنكُم مَّلَٰٓئِكَةٗ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَخۡلُفُونَ
Odoo feenee maleeykota isin irraa bakka bu’an dachii keessa goona turre.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: زخرف
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول