Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: احزاب   آیت:
مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ رِجَالٞ صَدَقُواْ مَا عَٰهَدُواْ ٱللَّهَ عَلَيۡهِۖ فَمِنۡهُم مَّن قَضَىٰ نَحۡبَهُۥ وَمِنۡهُم مَّن يَنتَظِرُۖ وَمَا بَدَّلُواْ تَبۡدِيلٗا
Mu’uminoota irraa dhiirota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraa nama eeggataa jirutu jira. Jijjiirraa (kamillee) hin jijjiirre.
عربي تفسیرونه:
لِّيَجۡزِيَ ٱللَّهُ ٱلصَّٰدِقِينَ بِصِدۡقِهِمۡ وَيُعَذِّبَ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ إِن شَآءَ أَوۡ يَتُوبَ عَلَيۡهِمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Akka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
عربي تفسیرونه:
وَرَدَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِغَيۡظِهِمۡ لَمۡ يَنَالُواْ خَيۡرٗاۚ وَكَفَى ٱللَّهُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلۡقِتَالَۚ وَكَانَ ٱللَّهُ قَوِيًّا عَزِيزٗا
Rabbiin isaan kafaran dallansuu isaaniitiin odoo toltuu tokkollee hin argatin isaan deebise. Mu’uminootas Rabbiin lola (irraa) isaaniif ga’eera. Allaahn jabaa, injifataa ta’eera.
عربي تفسیرونه:
وَأَنزَلَ ٱلَّذِينَ ظَٰهَرُوهُم مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ مِن صَيَاصِيهِمۡ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ ٱلرُّعۡبَ فَرِيقٗا تَقۡتُلُونَ وَتَأۡسِرُونَ فَرِيقٗا
(Rabbiin) abbootii kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran mooraa isaanii irraa isaan buusee, onneewwan isaanii keessatti sodaa darbe. Garii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu.
عربي تفسیرونه:
وَأَوۡرَثَكُمۡ أَرۡضَهُمۡ وَدِيَٰرَهُمۡ وَأَمۡوَٰلَهُمۡ وَأَرۡضٗا لَّمۡ تَطَـُٔوهَاۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٗا
Dachii isaanii, manneen isaanii, qabeenya isaaniitiifi dachii isin gubbaa hin ejjatiniis isin dhaalchise. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ قُل لِّأَزۡوَٰجِكَ إِن كُنتُنَّ تُرِدۡنَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا وَزِينَتَهَا فَتَعَالَيۡنَ أُمَتِّعۡكُنَّ وَأُسَرِّحۡكُنَّ سَرَاحٗا جَمِيلٗا
Yaa nabiyyichaa! Niitolii teetiin jedhi “jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee kan feetan yoo taataniif, kottaa waan ittiin qananiitan isiniif kenneen, gadi dhiisuu bareedaa ta’e isin gadi dhiisa”.
عربي تفسیرونه:
وَإِن كُنتُنَّ تُرِدۡنَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَٱلدَّارَ ٱلۡأٓخِرَةَ فَإِنَّ ٱللَّهَ أَعَدَّ لِلۡمُحۡسِنَٰتِ مِنكُنَّ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Rabbiin, ergamaa Isaatiifi mana Aakhiraa kan filattan yoo taatan immoo, isin irraa warra toltuu hojjataniif Rabbiin mindaa guddaa qopheessee jira.
عربي تفسیرونه:
يَٰنِسَآءَ ٱلنَّبِيِّ مَن يَأۡتِ مِنكُنَّ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖ يُضَٰعَفۡ لَهَا ٱلۡعَذَابُ ضِعۡفَيۡنِۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٗا
Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin irraa namni badii ifa galtuu taateen dhufe (raawwate), adabbiin dachaa lama isheetti godhama. Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: احزاب
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول