Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: مؤمنون   آیت:
بَلۡ أَتَيۡنَٰهُم بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Inumaayyu, Nuti dhugaan isaanitti dhufnee jirra, isaanis sobdoota.
عربي تفسیرونه:
مَا ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ مِن وَلَدٖ وَمَا كَانَ مَعَهُۥ مِنۡ إِلَٰهٍۚ إِذٗا لَّذَهَبَ كُلُّ إِلَٰهِۭ بِمَا خَلَقَ وَلَعَلَا بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ
Rabbiin ilma hin godhanne, Isa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru, (Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deema. Gariin isaanii garii irratti ol ta’u turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e!
عربي تفسیرونه:
عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Beekaan waan fagoofi dhihoo sun (qulqullaa’e), Waan isaan itti dabalan irraa ol ta’e!
عربي تفسیرونه:
قُل رَّبِّ إِمَّا تُرِيَنِّي مَا يُوعَدُونَ
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Yoo (adabbii) isaaniif waadaa galame natti agarsiifte,
عربي تفسیرونه:
رَبِّ فَلَا تَجۡعَلۡنِي فِي ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Gooftaa kiyya! (adaba irraa na baraarsi); ummata miidhaa hojjattoota keessas na hin taasisin.”
عربي تفسیرونه:
وَإِنَّا عَلَىٰٓ أَن نُّرِيَكَ مَا نَعِدُهُمۡ لَقَٰدِرُونَ
Dhugumatti, Nutis waan isaaniif waadaa galle si argisiisuu irratti danda’oodha
عربي تفسیرونه:
ٱدۡفَعۡ بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ ٱلسَّيِّئَةَۚ نَحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَصِفُونَ
Hamtuu ishee irra gaariidhaan deebisi, Nuti waan isaan jedhan beekoodha.
عربي تفسیرونه:
وَقُل رَّبِّ أَعُوذُ بِكَ مِنۡ هَمَزَٰتِ ٱلشَّيَٰطِينِ
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Ani hasaasaalee sheyxaanotaa irraa Sittin maganfadha!
عربي تفسیرونه:
وَأَعُوذُ بِكَ رَبِّ أَن يَحۡضُرُونِ
Gooftaa kiyya! Isaan natti dhufuu irraa Sittin maganfadha.”
عربي تفسیرونه:
حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَحَدَهُمُ ٱلۡمَوۡتُ قَالَ رَبِّ ٱرۡجِعُونِ
hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufu ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisaai
عربي تفسیرونه:
لَعَلِّيٓ أَعۡمَلُ صَٰلِحٗا فِيمَا تَرَكۡتُۚ كَلَّآۚ إِنَّهَا كَلِمَةٌ هُوَ قَآئِلُهَاۖ وَمِن وَرَآئِهِم بَرۡزَخٌ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen jecha inni ishee jedhu (qofa), isaan duuba hagoogiitu jira Hanga guyyaa kaafamaatti.
عربي تفسیرونه:
فَإِذَا نُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَلَآ أَنسَابَ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَئِذٖ وَلَا يَتَسَآءَلُونَ
Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan.
عربي تفسیرونه:
فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Namni madaalliiwwan (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha
عربي تفسیرونه:
وَمَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فِي جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ
Namni madaalliiwwan (hojii gaarii) isaa salphatte, isaan sun warra lubbuulee isaanii hoongessan. Jahannam keessa turu.
عربي تفسیرونه:
تَلۡفَحُ وُجُوهَهُمُ ٱلنَّارُ وَهُمۡ فِيهَا كَٰلِحُونَ
Ibiddi fuula isaanii ni gubdi, Isaanis achi keessatti soqolamoodha (fuulaa fokkatoota). [1]
[1] soqolamoo jechuun nama hidhiin jalaa irraa gadidachaatee gadi harkifamtee ilkeen dirretti baatee fakkate jechuudha.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: مؤمنون
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول