Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: بقره   آیت:
۞ لَّيۡسَ ٱلۡبِرَّ أَن تُوَلُّواْ وُجُوهَكُمۡ قِبَلَ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَلَٰكِنَّ ٱلۡبِرَّ مَنۡ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ وَٱلۡكِتَٰبِ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ وَءَاتَى ٱلۡمَالَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ ذَوِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينَ وَٱبۡنَ ٱلسَّبِيلِ وَٱلسَّآئِلِينَ وَفِي ٱلرِّقَابِ وَأَقَامَ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَى ٱلزَّكَوٰةَ وَٱلۡمُوفُونَ بِعَهۡدِهِمۡ إِذَا عَٰهَدُواْۖ وَٱلصَّٰبِرِينَ فِي ٱلۡبَأۡسَآءِ وَٱلضَّرَّآءِ وَحِينَ ٱلۡبَأۡسِۗ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ صَدَقُواْۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُتَّقُونَ
Dalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee), kan qabeenya kenne odoo jaallatuu firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf (kennee), kan salaatas gadi dhaabe, zakaa kenne, warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutaniidha. warra rakkina, dhukkuba keessatti, yeroo lolanis obsaniidha. Isaan warra dhugaa qabatani, Isaan warra Rabbiin sodaataniidha.
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُتِبَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡقِصَاصُ فِي ٱلۡقَتۡلَىۖ ٱلۡحُرُّ بِٱلۡحُرِّ وَٱلۡعَبۡدُ بِٱلۡعَبۡدِ وَٱلۡأُنثَىٰ بِٱلۡأُنثَىٰۚ فَمَنۡ عُفِيَ لَهُۥ مِنۡ أَخِيهِ شَيۡءٞ فَٱتِّبَاعُۢ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَأَدَآءٌ إِلَيۡهِ بِإِحۡسَٰنٖۗ ذَٰلِكَ تَخۡفِيفٞ مِّن رَّبِّكُمۡ وَرَحۡمَةٞۗ فَمَنِ ٱعۡتَدَىٰ بَعۡدَ ذَٰلِكَ فَلَهُۥ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Yaa warra amantan! Ajjeefamaa keessatti "qisaasni" (lubbuu lubbuun kafaluun)(seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameera. Bilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaan (ajjefamu). Namni (dhiiga) obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi (kaffaltiin gumaa dhiigaas) haala gaariin isaan (abbaa gumaatiin) gayuutu irra jira. Kun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedha. Namni sana booda daangaa dabre, isaaf azaab laalessaa ta’etu jira.
عربي تفسیرونه:
وَلَكُمۡ فِي ٱلۡقِصَاصِ حَيَوٰةٞ يَٰٓأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ
"Qisaasa" keessa jiraachuutu (lubbuu du’a irraa baraaruutu) isiniif jira Yaa warra sammuu qabdan! Akka isin (ajjeechaa irraa) eeggattaniif (kana goone) .
عربي تفسیرونه:
كُتِبَ عَلَيۡكُمۡ إِذَا حَضَرَ أَحَدَكُمُ ٱلۡمَوۡتُ إِن تَرَكَ خَيۡرًا ٱلۡوَصِيَّةُ لِلۡوَٰلِدَيۡنِ وَٱلۡأَقۡرَبِينَ بِٱلۡمَعۡرُوفِۖ حَقًّا عَلَى ٱلۡمُتَّقِينَ
Yeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya (of duubatti) dhiise ta’e: abbaa haadhaafi firootaaf haala gaariin dhaamuun isin irratti murteeffameera, haqa warra Rabbi sodaatanirratti taateedha.
عربي تفسیرونه:
فَمَنۢ بَدَّلَهُۥ بَعۡدَ مَا سَمِعَهُۥ فَإِنَّمَآ إِثۡمُهُۥ عَلَى ٱلَّذِينَ يُبَدِّلُونَهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٞ
Namni erga isa (dhaamsa) dhagayee booda isa jijjiire, badiin isaa warra isa jijjiiran irratti ta’a. Dhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: بقره
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول