Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: یوسف   آیت:
فَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمۡ جَعَلَ ٱلسِّقَايَةَ فِي رَحۡلِ أَخِيهِ ثُمَّ أَذَّنَ مُؤَذِّنٌ أَيَّتُهَا ٱلۡعِيرُ إِنَّكُمۡ لَسَٰرِقُونَ
Yeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’e, Sana booda lallabaan ni lallabe “isin yaa daldaaltoota dhugumatti isin hattoota” (jedheen).
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ وَأَقۡبَلُواْ عَلَيۡهِم مَّاذَا تَفۡقِدُونَ
Isaanis, gara isaanii gara galuun, “Maal dhabdan?” jedhaniin.
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ نَفۡقِدُ صُوَاعَ ٱلۡمَلِكِ وَلِمَن جَآءَ بِهِۦ حِمۡلُ بَعِيرٖ وَأَنَا۠ بِهِۦ زَعِيمٞ
Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideef (badhaasa) (midhaan) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jira. Ani kana irratti waadaa galaadha.”
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ تَٱللَّهِ لَقَدۡ عَلِمۡتُم مَّا جِئۡنَا لِنُفۡسِدَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كُنَّا سَٰرِقِينَ
Isaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektaniittu, Nuti hattootas hin taane.”
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ فَمَا جَزَٰٓؤُهُۥٓ إِن كُنتُمۡ كَٰذِبِينَ
“Yoo sobdoota taataniif adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin.
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ جَزَٰٓؤُهُۥ مَن وُجِدَ فِي رَحۡلِهِۦ فَهُوَ جَزَٰٓؤُهُۥۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلظَّٰلِمِينَ
Ni jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fuudhamuutu) adabbii isaati, Nuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.”
عربي تفسیرونه:
فَبَدَأَ بِأَوۡعِيَتِهِمۡ قَبۡلَ وِعَآءِ أَخِيهِ ثُمَّ ٱسۡتَخۡرَجَهَا مِن وِعَآءِ أَخِيهِۚ كَذَٰلِكَ كِدۡنَا لِيُوسُفَۖ مَا كَانَ لِيَأۡخُذَ أَخَاهُ فِي دِينِ ٱلۡمَلِكِ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ نَرۡفَعُ دَرَجَٰتٖ مَّن نَّشَآءُۗ وَفَوۡقَ كُلِّ ذِي عِلۡمٍ عَلِيمٞ
(Sakkatta’uus) qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabe, eegasii meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baase. Akka kanatti Yuusufiif tooftaa baafne, obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turre Odoo Rabbiin Fedhuu baatee. Nama feene sadarkaalee hedduu ol fuuna. Abbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira.
عربي تفسیرونه:
۞ قَالُوٓاْ إِن يَسۡرِقۡ فَقَدۡ سَرَقَ أَخٞ لَّهُۥ مِن قَبۡلُۚ فَأَسَرَّهَا يُوسُفُ فِي نَفۡسِهِۦ وَلَمۡ يُبۡدِهَا لَهُمۡۚ قَالَ أَنتُمۡ شَرّٞ مَّكَانٗاۖ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا تَصِفُونَ
Isaanis (obboleeyyan Yuusufis) ni jedhan: “Yoo hates, obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee of keessa dhokse, Isaaniif ishee hin ibsine (Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedha. Rabbiin waan isin jettan irra beekaadha.”
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡعَزِيزُ إِنَّ لَهُۥٓ أَبٗا شَيۡخٗا كَبِيرٗا فَخُذۡ أَحَدَنَا مَكَانَهُۥٓۖ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Isaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! Dhugumatti, isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu jira. Kanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhu. Nuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.”
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: یوسف
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول