Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: هود   آیت:
فَلَا تَكُ فِي مِرۡيَةٖ مِّمَّا يَعۡبُدُ هَٰٓؤُلَآءِۚ مَا يَعۡبُدُونَ إِلَّا كَمَا يَعۡبُدُ ءَابَآؤُهُم مِّن قَبۡلُۚ وَإِنَّا لَمُوَفُّوهُمۡ نَصِيبَهُمۡ غَيۡرَ مَنقُوصٖ
(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin, (Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranu, Nuti qooda isaanii odoo hin hir'ifamne guunnee isaaniif kennina.
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَٱخۡتُلِفَ فِيهِۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۚ وَإِنَّهُمۡ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُ مُرِيبٖ
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabame, Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama ture, Dhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
عربي تفسیرونه:
وَإِنَّ كُلّٗا لَّمَّا لَيُوَفِّيَنَّهُمۡ رَبُّكَ أَعۡمَٰلَهُمۡۚ إِنَّهُۥ بِمَا يَعۡمَلُونَ خَبِيرٞ
Dhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaa isaanii isaaniif guuta, Dhugumatti, Inni waan isaan dalagan beekaadha.
عربي تفسیرونه:
فَٱسۡتَقِمۡ كَمَآ أُمِرۡتَ وَمَن تَابَ مَعَكَ وَلَا تَطۡغَوۡاْۚ إِنَّهُۥ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٞ
Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan tawbatanis si waliin (gadi haa dhaabbatanii), Daangaas hin dabrinaa, Dhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha.
عربي تفسیرونه:
وَلَا تَرۡكَنُوٓاْ إِلَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ فَتَمَسَّكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِنۡ أَوۡلِيَآءَ ثُمَّ لَا تُنصَرُونَ
Gara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa (Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqa፣ Rabbiin malees jaalallee biraa hin qabdan, Ergasii hin tumsamtanu.
عربي تفسیرونه:
وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ طَرَفَيِ ٱلنَّهَارِ وَزُلَفٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِۚ إِنَّ ٱلۡحَسَنَٰتِ يُذۡهِبۡنَ ٱلسَّيِّـَٔاتِۚ ذَٰلِكَ ذِكۡرَىٰ لِلذَّٰكِرِينَ
Qaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabi, Toltuuwwan hamtuuwwan ni deemsisu, Kun warra gorfamaniif gorsa.
عربي تفسیرونه:
وَٱصۡبِرۡ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Obsi! Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.
عربي تفسیرونه:
فَلَوۡلَا كَانَ مِنَ ٱلۡقُرُونِ مِن قَبۡلِكُمۡ أُوْلُواْ بَقِيَّةٖ يَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلۡفَسَادِ فِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَّا قَلِيلٗا مِّمَّنۡ أَنجَيۡنَا مِنۡهُمۡۗ وَٱتَّبَعَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مَآ أُتۡرِفُواْ فِيهِ وَكَانُواْ مُجۡرِمِينَ
Maaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri hanbaa gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? xiqqoo warra nuti nagaya baafnee malee. Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofee yakkamtoota irraa ta’an.
عربي تفسیرونه:
وَمَا كَانَ رَبُّكَ لِيُهۡلِكَ ٱلۡقُرَىٰ بِظُلۡمٖ وَأَهۡلُهَا مُصۡلِحُونَ
Gooftaan kee magaalaa kamillee,miidhaan kaballeessu hintaane odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatu ta’anii jiranuu.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: هود
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول