Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: یونس   آیت:
وَلَوۡ أَنَّ لِكُلِّ نَفۡسٖ ظَلَمَتۡ مَا فِي ٱلۡأَرۡضِ لَٱفۡتَدَتۡ بِهِۦۗ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّدَامَةَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۖ وَقُضِيَ بَيۡنَهُم بِٱلۡقِسۡطِ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Odoo lubbuu miidhaa raawwatte hundaaf wanti dachii keessa jiru (hundi) ta’eefii isaan of furti, Yeroo azaabicha argan sheenaa ni dhooyfatu, Gidduu isaaniitti haqaan murteeffama isaan hinmiidhaman.
عربي تفسیرونه:
أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۗ أَلَآ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samiileefi dachii keessa jiru kan Rabbiiti. Dhagayaa! Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Garuu irra baay’een isaanii hin beekan.
عربي تفسیرونه:
هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas; gara Isaatitti deebifamtu.
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ قَدۡ جَآءَتۡكُم مَّوۡعِظَةٞ مِّن رَّبِّكُمۡ وَشِفَآءٞ لِّمَا فِي ٱلصُّدُورِ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Yaa namootaa! Dhugumatti, gorsi Gooftaa keessan irraa taate isinitti dhufte, qorichi waan qomoowwan keessaas, qajeelfamaafi rahmanni mu’uminootaas.
عربي تفسیرونه:
قُلۡ بِفَضۡلِ ٱللَّهِ وَبِرَحۡمَتِهِۦ فَبِذَٰلِكَ فَلۡيَفۡرَحُواْ هُوَ خَيۡرٞ مِّمَّا يَجۡمَعُونَ
Jedhi “Tola Rabbiitiifi rahmata Isaatiin (dhufte), isa sanitti haa gammadanu, Waan isaan walitti qaban irra isatu caalaa”.
عربي تفسیرونه:
قُلۡ أَرَءَيۡتُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ لَكُم مِّن رِّزۡقٖ فَجَعَلۡتُم مِّنۡهُ حَرَامٗا وَحَلَٰلٗا قُلۡ ءَآللَّهُ أَذِنَ لَكُمۡۖ أَمۡ عَلَى ٱللَّهِ تَفۡتَرُونَ
Mee naaf himaa jedhi “ waan Rabbiin isiniif buuse,Soorata irraa isin ergasii isa irraa dhorgamaafi hayyamamaa taasiftan san“, Sila Rabbitu isiniif hayyamemoo, Rabbi irratti kijiba uumtanii odeessitu?”
عربي تفسیرونه:
وَمَا ظَنُّ ٱلَّذِينَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَذُو فَضۡلٍ عَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَشۡكُرُونَ
Sila isaan Rabbi irratti kijiba odeessan Guyyaa Qiyaamaa maal yaadu? Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tola (guddaa)ti. Garuu irra hedduun isaanii hin galateeffatanu.
عربي تفسیرونه:
وَمَا تَكُونُ فِي شَأۡنٖ وَمَا تَتۡلُواْ مِنۡهُ مِن قُرۡءَانٖ وَلَا تَعۡمَلُونَ مِنۡ عَمَلٍ إِلَّا كُنَّا عَلَيۡكُمۡ شُهُودًا إِذۡ تُفِيضُونَ فِيهِۚ وَمَا يَعۡزُبُ عَن رَّبِّكَ مِن مِّثۡقَالِ ذَرَّةٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِي ٱلسَّمَآءِ وَلَآ أَصۡغَرَ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكۡبَرَ إِلَّا فِي كِتَٰبٖ مُّبِينٍ
(Yaa Muhammad!) Hojii kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas isa hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan Nuti isin irratti ragaalee taanu malee hin hafu. Wanti hanga atomii dachii keessattis ta’ee, samii keessattis Rabbii kee irraa hin fagaatu. Wanti san irra xiqqaas ta’ee guuddaan kitaaba addeessaa ta’e keessatti jiraatu malee hin hafu.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: یونس
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول