Check out the new design

ߞߎ߬ߙߣߊ߬ ߞߟߊߒߞߋ ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߏߙߏ߯ߡߏߞߊ߲ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߓߟߏ߫ * - ߘߟߊߡߌߘߊ ߟߎ߫ ߦߌ߬ߘߊ߬ߥߟߊ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌ߬ߘߊ߬ߟߌ ߝߐߘߊ ߘߏ߫: ߡߏ߬ߛߏ ߟߎ߬   ߟߝߊߙߌ ߘߏ߫:
۞ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُونُواْ قَوَّٰمِينَ بِٱلۡقِسۡطِ شُهَدَآءَ لِلَّهِ وَلَوۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ أَوِ ٱلۡوَٰلِدَيۡنِ وَٱلۡأَقۡرَبِينَۚ إِن يَكُنۡ غَنِيًّا أَوۡ فَقِيرٗا فَٱللَّهُ أَوۡلَىٰ بِهِمَاۖ فَلَا تَتَّبِعُواْ ٱلۡهَوَىٰٓ أَن تَعۡدِلُواْۚ وَإِن تَلۡوُۥٓاْ أَوۡ تُعۡرِضُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا
isin Yaa warra amantan! haqaan dhaabbattoota Rabbiif ragaalee ta’aa odoma lubbuu keessan yookiin abbaa haadha keessaniifi firoota keessan irrattis ta’eeyyuu. Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’e Rabbitu irra isaanitti aana. Haqa irraa dabuuf fedha lubbuu keessanii hin hordofinaa. Yoo (ragaa) dabsitan yookiin (ragaa bahuu irraa) gara galtan, dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan hunda beekaa ta'eera.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ ءَامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلَّذِي نَزَّلَ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ مِن قَبۡلُۚ وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱللَّهِ وَمَلَٰٓئِكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ فَقَدۡ ضَلَّ ضَلَٰلَۢا بَعِيدًا
isin Yaa warra amantan! Rabbitti amanaa, ergamaa Isaattis, kitaaba ergamaa Isaa irratti buufamettis kitaaba Inni sana dura buusettis (amanaa). Namni Rabbitti kafare maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis,ifi Guyyaa Aakhiraatti (kafare), inni dhugumatti jallina fagoo jallateera.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ثُمَّ كَفَرُواْ ثُمَّ ءَامَنُواْ ثُمَّ كَفَرُواْ ثُمَّ ٱزۡدَادُواْ كُفۡرٗا لَّمۡ يَكُنِ ٱللَّهُ لِيَغۡفِرَ لَهُمۡ وَلَا لِيَهۡدِيَهُمۡ سَبِيلَۢا
Dhugumatti isaan amananii ergasii kafaran, ergasii amananii ergasii kafaran, ergasiis kufrii daddabalatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuufi kan karaa isaan qajeelchu hin taane.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
بَشِّرِ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ بِأَنَّ لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمًا
munaafiqoota gammachiisi. Adabni laalessaan isaaniif jira jechuudhaan.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
ٱلَّذِينَ يَتَّخِذُونَ ٱلۡكَٰفِرِينَ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۚ أَيَبۡتَغُونَ عِندَهُمُ ٱلۡعِزَّةَ فَإِنَّ ٱلۡعِزَّةَ لِلَّهِ جَمِيعٗا
(Isaan) warra mu’uminootaa gaditti kaafiroota jaalallee godhataniidha. Sila jabeenya isaan bira barbaaduu? Dhugumatti, jabeenyi hundi kan Rabbiiti.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
وَقَدۡ نَزَّلَ عَلَيۡكُمۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ أَنۡ إِذَا سَمِعۡتُمۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ يُكۡفَرُ بِهَا وَيُسۡتَهۡزَأُ بِهَا فَلَا تَقۡعُدُواْ مَعَهُمۡ حَتَّىٰ يَخُوضُواْ فِي حَدِيثٍ غَيۡرِهِۦٓ إِنَّكُمۡ إِذٗا مِّثۡلُهُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ جَامِعُ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱلۡكَٰفِرِينَ فِي جَهَنَّمَ جَمِيعًا
Dhugumatti, kitaaba keessatti (Rabbiin) isin irratti buuseera “yeroo keeyyattoota Rabbii kan isaanitti kafaramuufi isaanitti qoofamu dhageessan,isaan waliin hin taa’inaa hanga isaan haasa’a biraa keessa seenanitti ” jechuun. Yoos isinis fakkaattota isaaniiti. Dhugumatti, Rabbiin munaafiqootaafi kaafiroota jahannam keessatti walitti qabaadha.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
 
ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌ߬ߘߊ߬ߟߌ ߝߐߘߊ ߘߏ߫: ߡߏ߬ߛߏ ߟߎ߬
ߝߐߘߊ ߟߎ߫ ߦߌ߬ߘߊ߬ߥߟߊ ߞߐߜߍ ߝߙߍߕߍ
 
ߞߎ߬ߙߣߊ߬ ߞߟߊߒߞߋ ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߏߙߏ߯ߡߏߞߊ߲ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߓߟߏ߫ - ߘߟߊߡߌߘߊ ߟߎ߫ ߦߌ߬ߘߊ߬ߥߟߊ

ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߊߓߊ߯ߜ߭ߏ߯ߣߊ߫ ߟߊ߫ ߘߟߊߡߌߘߊ ߟߋ߬.

ߘߊߕߎ߲߯ߠߌ߲