Check out the new design

ߞߎ߬ߙߣߊ߬ ߞߟߊߒߞߋ ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߏߙߏ߯ߡߏߞߊ߲ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߓߟߏ߫ * - ߘߟߊߡߌߘߊ ߟߎ߫ ߦߌ߬ߘߊ߬ߥߟߊ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌ߬ߘߊ߬ߟߌ ߝߐߘߊ ߘߏ߫: ߌߓߎ߬ߙߊ߬ߤߌߡߊ߫   ߟߝߊߙߌ ߘߏ߫:
وَءَاتَىٰكُم مِّن كُلِّ مَا سَأَلۡتُمُوهُۚ وَإِن تَعُدُّواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ لَا تُحۡصُوهَآۗ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَظَلُومٞ كَفَّارٞ
Waan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenne. qananii Rabbii odoo lakkooftani ishee fixuu hin dandeessanu. Dhugumatti, namni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
وَإِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِيمُ رَبِّ ٱجۡعَلۡ هَٰذَا ٱلۡبَلَدَ ءَامِنٗا وَٱجۡنُبۡنِي وَبَنِيَّ أَن نَّعۡبُدَ ٱلۡأَصۡنَامَ
Yeroo Ibraahiim jedhu [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) nagaya taasisi. Anaafi ilmaan kiyyaas taabotoota gabbaruu irraa nu fageessi.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
رَبِّ إِنَّهُنَّ أَضۡلَلۡنَ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلنَّاسِۖ فَمَن تَبِعَنِي فَإِنَّهُۥ مِنِّيۖ وَمَنۡ عَصَانِي فَإِنَّكَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Gooftaa kiyya! isaan nama hedduu jallisanii jiru; Namni na hordofe, inni anarraayyi. Nama na dide Ati araaramaa, rahmata godhaadha.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
رَّبَّنَآ إِنِّيٓ أَسۡكَنتُ مِن ذُرِّيَّتِي بِوَادٍ غَيۡرِ ذِي زَرۡعٍ عِندَ بَيۡتِكَ ٱلۡمُحَرَّمِ رَبَّنَا لِيُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ فَٱجۡعَلۡ أَفۡـِٔدَةٗ مِّنَ ٱلنَّاسِ تَهۡوِيٓ إِلَيۡهِمۡ وَٱرۡزُقۡهُم مِّنَ ٱلثَّمَرَٰتِ لَعَلَّهُمۡ يَشۡكُرُونَ
Gooftaa keenya! Ani garii maatii kiyya irraa ta’e bowwaa (laga) qonna hin qabne, mana kee kabajamaa biratti dhiiseen jira. Gooftaa keenya! Akka salaata gadi dhaabaniif jecha. nama irraas onneewwan (isaanii) kan gara isaanii hawwitu taasisi;fuduraalee irraas isaan soori Akka isaan Si galateeffataniif.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
رَبَّنَآ إِنَّكَ تَعۡلَمُ مَا نُخۡفِي وَمَا نُعۡلِنُۗ وَمَا يَخۡفَىٰ عَلَى ٱللَّهِ مِن شَيۡءٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِي ٱلسَّمَآءِ
Gooftaa keenya! Ati waan nuti dhoksinuufi waan nuti ifa goonu ni beekta. Rabbi irratti dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu hin dhokatu.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي وَهَبَ لِي عَلَى ٱلۡكِبَرِ إِسۡمَٰعِيلَ وَإِسۡحَٰقَۚ إِنَّ رَبِّي لَسَمِيعُ ٱلدُّعَآءِ
Faaruun (hundi) kan Rabbii manguddummaa irratti Ismaa’iiliifi Isihaaqiin naaf kenneeti. Dhugumatti, Gooftaan kiyya kadhaa dhaga’aadha.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
رَبِّ ٱجۡعَلۡنِي مُقِيمَ ٱلصَّلَوٰةِ وَمِن ذُرِّيَّتِيۚ رَبَّنَا وَتَقَبَّلۡ دُعَآءِ
Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhi. Ilmaan kiyya irraas (akkasuma). Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
رَبَّنَا ٱغۡفِرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيَّ وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ يَوۡمَ يَقُومُ ٱلۡحِسَابُ
Gooftaa keenya! naaf araarami, haadhaafi abbaa kiyyaafis mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu (guyyaa qiyaamaa) san.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
وَلَا تَحۡسَبَنَّ ٱللَّهَ غَٰفِلًا عَمَّا يَعۡمَلُ ٱلظَّٰلِمُونَۚ إِنَّمَا يُؤَخِّرُهُمۡ لِيَوۡمٖ تَشۡخَصُ فِيهِ ٱلۡأَبۡصَٰرُ
Rabbiin Waan zaalimtoonni hojjatanirraa dagataa hin sehin. Kan Rabbiin booda isaan aansuuf guyyaa isa keessa ijoowwan banamtee ol fuudhamtuufi.
ߊߙߊߓߎߞߊ߲ߡߊ ߞߘߐߦߌߘߊ ߟߎ߬:
 
ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌ߬ߘߊ߬ߟߌ ߝߐߘߊ ߘߏ߫: ߌߓߎ߬ߙߊ߬ߤߌߡߊ߫
ߝߐߘߊ ߟߎ߫ ߦߌ߬ߘߊ߬ߥߟߊ ߞߐߜߍ ߝߙߍߕߍ
 
ߞߎ߬ߙߣߊ߬ ߞߟߊߒߞߋ ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߏߙߏ߯ߡߏߞߊ߲ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߓߟߏ߫ - ߘߟߊߡߌߘߊ ߟߎ߫ ߦߌ߬ߘߊ߬ߥߟߊ

ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߊߓߊ߯ߜ߭ߏ߯ߣߊ߫ ߟߊ߫ ߘߟߊߡߌߘߊ ߟߋ߬.

ߘߊߕߎ߲߯ߠߌ߲