Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ   ആയത്ത്:
وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مَسۡجِدٗا ضِرَارٗا وَكُفۡرٗا وَتَفۡرِيقَۢا بَيۡنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَإِرۡصَادٗا لِّمَنۡ حَارَبَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ مِن قَبۡلُۚ وَلَيَحۡلِفُنَّ إِنۡ أَرَدۡنَآ إِلَّا ٱلۡحُسۡنَىٰۖ وَٱللَّهُ يَشۡهَدُ إِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Warri (mu’uminoota) rakkisuuf,masjiida tolfatan, akkasuma kufrii (babal’isuuf), gidduu mu’uminootaa addaan baasuufi, nama duraan Rabbiifi ergamaa Isaatiin loleef eegumsa godhuuf, (jecha masjiida tolfatanis isaanuma irraayyi). Dhugumatti kakatu “Nuti toltuu malee homaa hin feene” jedhanii. Rabbiin isaan kijibdoota tahuu ragaa baha.[1]
[1] aayanni kuni wanni ibsu:-munaafiqootaatu ganda keessatti masgiidaa seeraan alaa jaaran, muimina addaan qoqqooduufii addawwii akka achi qubattu godhuuf qopheessan, maqaan isaa masgiida diraar (rakkoo) jedhama. nabiin namoota itti ergee diigamee gubame.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَا تَقُمۡ فِيهِ أَبَدٗاۚ لَّمَسۡجِدٌ أُسِّسَ عَلَى ٱلتَّقۡوَىٰ مِنۡ أَوَّلِ يَوۡمٍ أَحَقُّ أَن تَقُومَ فِيهِۚ فِيهِ رِجَالٞ يُحِبُّونَ أَن يَتَطَهَّرُواْۚ وَٱللَّهُ يُحِبُّ ٱلۡمُطَّهِّرِينَ
Gonkumaa isa (masjiidicha) keessa hin dhaabbatin. masjiida guyyaa jalqabaa irraa sodaa (Rabbii) irratti bu'ureeffametu ati isa keessa dhaabbachuu haqa godhata. Isa keessa namoota qulqulleeffachuu jaalatantu jiru. Rabbiin qulqulleeffattoota jaalata. [1]
[1] masgiinni sodaa Rabbiirratti bu'ureeffame masgiida qubaati. moggaa madiinaatti argama sadarkaa guddaa qaba.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَفَمَنۡ أَسَّسَ بُنۡيَٰنَهُۥ عَلَىٰ تَقۡوَىٰ مِنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٍ خَيۡرٌ أَم مَّنۡ أَسَّسَ بُنۡيَٰنَهُۥ عَلَىٰ شَفَا جُرُفٍ هَارٖ فَٱنۡهَارَ بِهِۦ فِي نَارِ جَهَنَّمَۗ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Sila nama jaarmaya isaa sodaa Rabbi irraa ta’eefi jaalala (Isaa) irratti bu’uurse moo, nama jaarmaya isaa afaan boollaa kan cituutti dhiyaate irratti bu’uuressee, ibidda jahannam keessatti isaan kufetu caala? Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَا يَزَالُ بُنۡيَٰنُهُمُ ٱلَّذِي بَنَوۡاْ رِيبَةٗ فِي قُلُوبِهِمۡ إِلَّآ أَن تَقَطَّعَ قُلُوبُهُمۡۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Ijaarsi isaanii inni isaan ijaaran onneewwan isaanii keessatti (munaafiqummaafi) shakkii ta’uu irraa hin deemu.yoo onneewwan isaanii ciccitte malee. Rabbiin beekaa, ogeessa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ إِنَّ ٱللَّهَ ٱشۡتَرَىٰ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ أَنفُسَهُمۡ وَأَمۡوَٰلَهُم بِأَنَّ لَهُمُ ٱلۡجَنَّةَۚ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَيَقۡتُلُونَ وَيُقۡتَلُونَۖ وَعۡدًا عَلَيۡهِ حَقّٗا فِي ٱلتَّوۡرَىٰةِ وَٱلۡإِنجِيلِ وَٱلۡقُرۡءَانِۚ وَمَنۡ أَوۡفَىٰ بِعَهۡدِهِۦ مِنَ ٱللَّهِۚ فَٱسۡتَبۡشِرُواْ بِبَيۡعِكُمُ ٱلَّذِي بَايَعۡتُم بِهِۦۚ وَذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Rabbiin mu’uminoota irraa jannanni isaaniif ta’uudhaan lubbuuleefi qabeenyaalee isaanii biteera. Karaa Rabbii keessatti lolu; ni ajjeesu; ni ajjeefamus. Kun Tawraat, Injiiliifi Qur’aana keessatti waadaa Isa irratti mirkanaa’eedha. Namni Rabbi irra waadaa isaa guutu eenyu? Kanaafuu gurgurtaa keessan isa gurgurttaniin gammadaa. Sunis isatu milkii guddaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക