Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ഖലം   ആയത്ത്:
إِنَّا بَلَوۡنَٰهُمۡ كَمَا بَلَوۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ إِذۡ أَقۡسَمُواْ لَيَصۡرِمُنَّهَا مُصۡبِحِينَ
Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَا يَسۡتَثۡنُونَ
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَطَافَ عَلَيۡهَا طَآئِفٞ مِّن رَّبِّكَ وَهُمۡ نَآئِمُونَ
Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَصۡبَحَتۡ كَٱلصَّرِيمِ
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَتَنَادَوۡاْ مُصۡبِحِينَ
Bariidhaan walitti lallaban.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَنِ ٱغۡدُواْ عَلَىٰ حَرۡثِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰرِمِينَ
"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَٱنطَلَقُواْ وَهُمۡ يَتَخَٰفَتُونَ
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَن لَّا يَدۡخُلَنَّهَا ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكُم مِّسۡكِينٞ
"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَغَدَوۡاْ عَلَىٰ حَرۡدٖ قَٰدِرِينَ
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَلَمَّا رَأَوۡهَا قَالُوٓاْ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ أَوۡسَطُهُمۡ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ لَوۡلَا تُسَبِّحُونَ
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالُواْ سُبۡحَٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَلَٰوَمُونَ
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَٰغِينَ
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبۡدِلَنَا خَيۡرٗا مِّنۡهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeella. Nuti gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَذَٰلِكَ ٱلۡعَذَابُۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan tahanii (irraa of tiksu turan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمۡ جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَفَنَجۡعَلُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ كَٱلۡمُجۡرِمِينَ
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ لَكُمۡ كِتَٰبٞ فِيهِ تَدۡرُسُونَ
Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ لَكُمۡ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Kan isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ لَكُمۡ أَيۡمَٰنٌ عَلَيۡنَا بَٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّ لَكُمۡ لَمَا تَحۡكُمُونَ
Sila kakuulee nurratti taheetu kan Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
سَلۡهُمۡ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَآءُ فَلۡيَأۡتُواْ بِشُرَكَآئِهِمۡ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu)tu isaaniif tahee? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَوۡمَ يُكۡشَفُ عَن سَاقٖ وَيُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ഖലം
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക