Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അൻആം   ആയത്ത്:
ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَلَمۡ يَلۡبِسُوٓاْ إِيمَٰنَهُم بِظُلۡمٍ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلۡأَمۡنُ وَهُم مُّهۡتَدُونَ
Isaannan amananii, iimaana isaanii shirkiidhaan hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaan qajeelfamoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَتِلۡكَ حُجَّتُنَآ ءَاتَيۡنَٰهَآ إِبۡرَٰهِيمَ عَلَىٰ قَوۡمِهِۦۚ نَرۡفَعُ دَرَجَٰتٖ مَّن نَّشَآءُۗ إِنَّ رَبَّكَ حَكِيمٌ عَلِيمٞ
Isheen tun ragaa keenya. Ibraahiimiif ummata isaa irratti kenninee jirra. Nama feenes sadarkaawwan keessatti ol fuuna. Dhugumatti, Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۚ كُلًّا هَدَيۡنَاۚ وَنُوحًا هَدَيۡنَا مِن قَبۡلُۖ وَمِن ذُرِّيَّتِهِۦ دَاوُۥدَ وَسُلَيۡمَٰنَ وَأَيُّوبَ وَيُوسُفَ وَمُوسَىٰ وَهَٰرُونَۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennine. Hundaahuu ni qajeelchine, Sana duras Nuuhiin qajeelchinee jirra. Sanyii isaa irraas Daawuud, Sulaymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaafi Haaruunin (qajeelchinee jirra). Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَزَكَرِيَّا وَيَحۡيَىٰ وَعِيسَىٰ وَإِلۡيَاسَۖ كُلّٞ مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Zakariyyaa, Yahyaa, Iisaafi Ilyaasiinis (ni qajeelchine). Hundinuu gaggaarii irraayyi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِسۡمَٰعِيلَ وَٱلۡيَسَعَ وَيُونُسَ وَلُوطٗاۚ وَكُلّٗا فَضَّلۡنَا عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ismaa’il, Yasa’i, Yuunusiifi Luuxiinis (qajeelchine). Hundaayyuu aalamoota irra caalchifne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمِنۡ ءَابَآئِهِمۡ وَذُرِّيَّٰتِهِمۡ وَإِخۡوَٰنِهِمۡۖ وَٱجۡتَبَيۡنَٰهُمۡ وَهَدَيۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Abbootii isaanii, ilmaan isaaniifi obboleeyyan isaanii irraas (qajeelchine). Isaan fillee, gara karaa qajeelaa isaan qajeelchinee jirra.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ذَٰلِكَ هُدَى ٱللَّهِ يَهۡدِي بِهِۦ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦۚ وَلَوۡ أَشۡرَكُواْ لَحَبِطَ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Kun qajeelloo Rabbiiti. Gabroota isaa irraa nama fedhe isaan qajeelcha. Odoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحُكۡمَ وَٱلنُّبُوَّةَۚ فَإِن يَكۡفُرۡ بِهَا هَٰٓؤُلَآءِ فَقَدۡ وَكَّلۡنَا بِهَا قَوۡمٗا لَّيۡسُواْ بِهَا بِكَٰفِرِينَ
Isaan warra nuti kitaaba, ogummaafi nabiyyummaa isaaniif kennineedha, Yoo isaan kun (warri Makkaa) isheetti kafaran, dhugumatti Nuti namoota isheetti kafaroo hintahin isheef qopheessineerra.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ هَدَى ٱللَّهُۖ فَبِهُدَىٰهُمُ ٱقۡتَدِهۡۗ قُل لَّآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ أَجۡرًاۖ إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرَىٰ لِلۡعَٰلَمِينَ
Isaan warra Rabbiin qajeelcheedha. Qajeelfama isaanii hordofi. jedhi Ani isa irratti mindaa isin hin gaafadhu, Inni aalamootaaf yaadannoo malee waanbiraatii miti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അൻആം
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക