Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: കഹ്ഫ്   ആയത്ത്:
۞ قَالَ أَلَمۡ أَقُل لَّكَ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرٗا
(Namichi) ni jedhe: “Sila ani ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ إِن سَأَلۡتُكَ عَن شَيۡءِۭ بَعۡدَهَا فَلَا تُصَٰحِبۡنِيۖ قَدۡ بَلَغۡتَ مِن لَّدُنِّي عُذۡرٗا
(Muusaan) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin), Dhugumatti, ana biraa dhiifama (dhumaa) irra geessee jirta.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَآ أَتَيَآ أَهۡلَ قَرۡيَةٍ ٱسۡتَطۡعَمَآ أَهۡلَهَا فَأَبَوۡاْ أَن يُضَيِّفُوهُمَا فَوَجَدَا فِيهَا جِدَارٗا يُرِيدُ أَن يَنقَضَّ فَأَقَامَهُۥۖ قَالَ لَوۡ شِئۡتَ لَتَّخَذۡتَ عَلَيۡهِ أَجۡرٗا
Ergasii isaan lamaan nideeman hanga warra magaalattii tokkoo bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata gaafatan, isaan keessummeessuu didan. Ergasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko argan. (namichi) ol kaasee isa dhaabe (Muusaan): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ هَٰذَا فِرَاقُ بَيۡنِي وَبَيۡنِكَۚ سَأُنَبِّئُكَ بِتَأۡوِيلِ مَا لَمۡ تَسۡتَطِع عَّلَيۡهِ صَبۡرًا
(Namichi) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiiti. Ani hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمَّا ٱلسَّفِينَةُ فَكَانَتۡ لِمَسَٰكِينَ يَعۡمَلُونَ فِي ٱلۡبَحۡرِ فَأَرَدتُّ أَنۡ أَعِيبَهَا وَكَانَ وَرَآءَهُم مَّلِكٞ يَأۡخُذُ كُلَّ سَفِينَةٍ غَصۡبٗا
Doonittiin tan namoota hiyyeeyyii galaana keessa dalaganii turte.ishee fokkisuu fedhe. isaan fuula duratti mootiin dooniwwan (fayyaa) hunda saamee fudhatu tokkootu jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَأَمَّا ٱلۡغُلَٰمُ فَكَانَ أَبَوَاهُ مُؤۡمِنَيۡنِ فَخَشِينَآ أَن يُرۡهِقَهُمَا طُغۡيَٰنٗا وَكُفۡرٗا
Mucichi immoo, haadhaafi abbaan isaa mu’uminoota. Nutis (yoo guddate) jallinaafi kufriidhaan isaan haguuguu sodaanne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَرَدۡنَآ أَن يُبۡدِلَهُمَا رَبُّهُمَا خَيۡرٗا مِّنۡهُ زَكَوٰةٗ وَأَقۡرَبَ رُحۡمٗا
Gooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَأَمَّا ٱلۡجِدَارُ فَكَانَ لِغُلَٰمَيۡنِ يَتِيمَيۡنِ فِي ٱلۡمَدِينَةِ وَكَانَ تَحۡتَهُۥ كَنزٞ لَّهُمَا وَكَانَ أَبُوهُمَا صَٰلِحٗا فَأَرَادَ رَبُّكَ أَن يَبۡلُغَآ أَشُدَّهُمَا وَيَسۡتَخۡرِجَا كَنزَهُمَا رَحۡمَةٗ مِّن رَّبِّكَۚ وَمَا فَعَلۡتُهُۥ عَنۡ أَمۡرِيۚ ذَٰلِكَ تَأۡوِيلُ مَا لَمۡ تَسۡطِع عَّلَيۡهِ صَبۡرٗا
Dhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti ture. Isa jala immoo qabeenya awwaalame kan isaan lamaaniitu jira. Abbaan isaanii nama gaarii ture. Gooftaan kee (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedhe. Anis kana (hunda) fedha kiyyaan hin hojjanne. Kun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu hindandayiniiti.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَيَسۡـَٔلُونَكَ عَن ذِي ٱلۡقَرۡنَيۡنِۖ قُلۡ سَأَتۡلُواْ عَلَيۡكُم مِّنۡهُ ذِكۡرًا
Zulqarnayni irraas si gaafatu “Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi.[1]
[1] zulqarneyni kan gaafa lamaa jechuudha.mootii gaariidha. dachii bahaa dhiha deemuu Rabbi isaaf mijjeesse. diinitti yaamuu tajaajila hawaasummaa kkaa kaarra jaaree irraa chfuuti hojjae.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: കഹ്ഫ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക