Check out the new design

ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ * - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಫತ್ ಹ್   ಶ್ಲೋಕ:
قُل لِّلۡمُخَلَّفِينَ مِنَ ٱلۡأَعۡرَابِ سَتُدۡعَوۡنَ إِلَىٰ قَوۡمٍ أُوْلِي بَأۡسٖ شَدِيدٖ تُقَٰتِلُونَهُمۡ أَوۡ يُسۡلِمُونَۖ فَإِن تُطِيعُواْ يُؤۡتِكُمُ ٱللَّهُ أَجۡرًا حَسَنٗاۖ وَإِن تَتَوَلَّوۡاْ كَمَا تَوَلَّيۡتُم مِّن قَبۡلُ يُعَذِّبۡكُمۡ عَذَابًا أَلِيمٗا
Shanaanota irraa isaan duubatti hafaniin jedhi: “gara namoota lolatti cimoo ta’aniitti waamamuuf jirtu; isaaniin loltu yookiin harka kennu. yoo tole jettan, Rabbiin mindaa gaarii isiniif kenna. Yoo akkuma duraan garagaltanitti ammas garagaltan, Inni adabbii laalessaa isin adaba.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
لَّيۡسَ عَلَى ٱلۡأَعۡمَىٰ حَرَجٞ وَلَا عَلَى ٱلۡأَعۡرَجِ حَرَجٞ وَلَا عَلَى ٱلۡمَرِيضِ حَرَجٞۗ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ يُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ وَمَن يَتَوَلَّ يُعَذِّبۡهُ عَذَابًا أَلِيمٗا
(Lola irraa hafuudhaan) jaamaa irra badiin hin jiru. Hokkolaa irras badiin hin jiru. Dhukkubsataa irras diliin hin jiru. Nama Rabbiifi ergamaa isaatif ajajame, (Rabbiin) jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isa seensisa. Nama irraa garagale immoo adabbii laalessaa isa adaba.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
۞ لَّقَدۡ رَضِيَ ٱللَّهُ عَنِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ إِذۡ يُبَايِعُونَكَ تَحۡتَ ٱلشَّجَرَةِ فَعَلِمَ مَا فِي قُلُوبِهِمۡ فَأَنزَلَ ٱلسَّكِينَةَ عَلَيۡهِمۡ وَأَثَٰبَهُمۡ فَتۡحٗا قَرِيبٗا
(Yaa Muhammad!) Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateera. Waan onneewwan isaanii keessa jirus beekeera. Tasgabbii isaan irratti buuse. injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeebiyaa) isaaniif galata galche.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَمَغَانِمَ كَثِيرَةٗ يَأۡخُذُونَهَاۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا
Boojii baay’ee ta’e kan isaan fudhatanis (galata galche). Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَعَدَكُمُ ٱللَّهُ مَغَانِمَ كَثِيرَةٗ تَأۡخُذُونَهَا فَعَجَّلَ لَكُمۡ هَٰذِهِۦ وَكَفَّ أَيۡدِيَ ٱلنَّاسِ عَنكُمۡ وَلِتَكُونَ ءَايَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ وَيَهۡدِيَكُمۡ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا
Rabbiin boojuu baay’ee kan ishee fudhattan waadaa isiniif galeera. Ishee kana immoo isiniif jarjarse. Harkoowwan namootaa isin irraa qabe. (Kanas kan godhe) akka isheen mu’uminootaaf mallattoo taatuufi, karaa qajeelaa isin qajeelchuufi.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَأُخۡرَىٰ لَمۡ تَقۡدِرُواْ عَلَيۡهَا قَدۡ أَحَاطَ ٱللَّهُ بِهَاۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٗا
(Injifannoofi boojuu) biraa kan isin irratti hindandayin, kan Rabbiin dhugumatti ishee marsetu jira. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَلَوۡ قَٰتَلَكُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوَلَّوُاْ ٱلۡأَدۡبَٰرَ ثُمَّ لَا يَجِدُونَ وَلِيّٗا وَلَا نَصِيرٗا
Isaan kafaran odoo isinin lolaniiyyuu, dugdota garagalan. eegasii tiksaafi tumsaa hin argatan.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
سُنَّةَ ٱللَّهِ ٱلَّتِي قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلُۖ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّةِ ٱللَّهِ تَبۡدِيلٗا
Karaa Rabbii kan dhugumatti duraan dabarte (karaa godhe). Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
 
ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಫತ್ ಹ್
ಅಧ್ಯಾಯಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ
 
ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ ಅಬಾಗೋನಾ.

ಮುಚ್ಚಿ