Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាក់រ៉ហ្វ   វាក្យខណ្ឌ:

Al-A’araaf

الٓمٓصٓ
Alif Laam Miim Saad
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
كِتَٰبٌ أُنزِلَ إِلَيۡكَ فَلَا يَكُن فِي صَدۡرِكَ حَرَجٞ مِّنۡهُ لِتُنذِرَ بِهِۦ وَذِكۡرَىٰ لِلۡمُؤۡمِنِينَ
(Kun) kitaaba gara keetti buufame,Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ٱتَّبِعُواْ مَآ أُنزِلَ إِلَيۡكُم مِّن رَّبِّكُمۡ وَلَا تَتَّبِعُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَۗ قَلِيلٗا مَّا تَذَكَّرُونَ
Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa, Jaalalleewwan (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa, Xiqqoo qofa gorfamtu
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَكَم مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَا فَجَآءَهَا بَأۡسُنَا بَيَٰتًا أَوۡ هُمۡ قَآئِلُونَ
Magaalota irraa kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فَمَا كَانَ دَعۡوَىٰهُمۡ إِذۡ جَآءَهُم بَأۡسُنَآ إِلَّآ أَن قَالُوٓاْ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فَلَنَسۡـَٔلَنَّ ٱلَّذِينَ أُرۡسِلَ إِلَيۡهِمۡ وَلَنَسۡـَٔلَنَّ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فَلَنَقُصَّنَّ عَلَيۡهِم بِعِلۡمٖۖ وَمَا كُنَّا غَآئِبِينَ
Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَٱلۡوَزۡنُ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡحَقُّۚ فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Madaalli guyyaa san dhugaadha. Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَمَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُم بِمَا كَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَظۡلِمُونَ
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphatte immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya miidhaa turaniif lubbuu isaanii hoongessaniidha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلَقَدۡ مَكَّنَّٰكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَجَعَلۡنَا لَكُمۡ فِيهَا مَعَٰيِشَۗ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَٰكُمۡ ثُمَّ صَوَّرۡنَٰكُمۡ ثُمَّ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ لَمۡ يَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Dhugumatti, isin uumneerra, Ergasiis isin bocne, Ergasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenne, Achumaan sujuudani; Ibliis malee, Inni warra sujuudan irraa hin taane.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាក់រ៉ហ្វ
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ