Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាលមូជើទើឡះ   វាក្យខណ្ឌ:

Almujaadalaah

قَدۡ سَمِعَ ٱللَّهُ قَوۡلَ ٱلَّتِي تُجَٰدِلُكَ فِي زَوۡجِهَا وَتَشۡتَكِيٓ إِلَى ٱللَّهِ وَٱللَّهُ يَسۡمَعُ تَحَاوُرَكُمَآۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعُۢ بَصِيرٌ
Dhugumatti Rabbiin dhaga'eera jecha ishee siin falmituu waa'ee abbaa manaa ishee keessatti, tan gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu (dhagayeera). Rabbiin falmii keessan lamaan ni dhaga'a. Rabbiin dhagayaa, argaadha.[1]
[1] intalti sun kowla binti sa'ilabaa jedhamti. jaarsa isii owsi binu ssaamit Nabitti himatte. kana Rabbiin dubbate.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ٱلَّذِينَ يُظَٰهِرُونَ مِنكُم مِّن نِّسَآئِهِم مَّا هُنَّ أُمَّهَٰتِهِمۡۖ إِنۡ أُمَّهَٰتُهُمۡ إِلَّا ٱلَّٰٓـِٔي وَلَدۡنَهُمۡۚ وَإِنَّهُمۡ لَيَقُولُونَ مُنكَرٗا مِّنَ ٱلۡقَوۡلِ وَزُورٗاۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٞ
Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii miti. Haadholiin isaanii hintaane isaanuma isaan da'an san malee. dhugumatti Isaan jecha fokkataafi soba dubbatu. Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَٱلَّذِينَ يُظَٰهِرُونَ مِن نِّسَآئِهِمۡ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا قَالُواْ فَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مِّن قَبۡلِ أَن يَتَمَآسَّاۚ ذَٰلِكُمۡ تُوعَظُونَ بِهِۦۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٞ
Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhanitti deebi'an, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jira. Kana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin jaje). Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فَمَن لَّمۡ يَجِدۡ فَصِيَامُ شَهۡرَيۡنِ مُتَتَابِعَيۡنِ مِن قَبۡلِ أَن يَتَمَآسَّاۖ فَمَن لَّمۡ يَسۡتَطِعۡ فَإِطۡعَامُ سِتِّينَ مِسۡكِينٗاۚ ذَٰلِكَ لِتُؤۡمِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦۚ وَتِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۗ وَلِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Namni hin argatin, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jira. Namni (kana) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qaba. Kun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifi. isheen tun daangaalee Rabbiiti. Kaafirootaf adabbii laaleessaa ta'etu jira.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُحَآدُّونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ كُبِتُواْ كَمَا كُبِتَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۚ وَقَدۡ أَنزَلۡنَآ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٖۚ وَلِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٞ مُّهِينٞ
warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiru, Nuti dhugumaan ragaalee ifaa buufnee jirra. Kaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَوۡمَ يَبۡعَثُهُمُ ٱللَّهُ جَمِيعٗا فَيُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوٓاْۚ أَحۡصَىٰهُ ٱللَّهُ وَنَسُوهُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu]. Rabbiin beekee galmeessera isaan isa dagatan. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាលមូជើទើឡះ
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ