Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់ម៉ាអ៊ីដះ   វាក្យខណ្ឌ:
وَحَسِبُوٓاْ أَلَّا تَكُونَ فِتۡنَةٞ فَعَمُواْ وَصَمُّواْ ثُمَّ تَابَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡ ثُمَّ عَمُواْ وَصَمُّواْ كَثِيرٞ مِّنۡهُمۡۚ وَٱللَّهُ بَصِيرُۢ بِمَا يَعۡمَلُونَ
Adabbiin (mokkoraan) hin jirtuu yaadan. Kanaafuu jaamanii duudan, Ergasii Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebale, Ergasii irra hedduun isaanii jaamanii duudan. Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
لَقَدۡ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ وَقَالَ ٱلۡمَسِيحُ يَٰبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبَّكُمۡۖ إِنَّهُۥ مَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَقَدۡ حَرَّمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ ٱلۡجَنَّةَ وَمَأۡوَىٰهُ ٱلنَّارُۖ وَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنۡ أَنصَارٖ
Isaan "Rabbiin Masiih Ilma Maryami" jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiih ni jedhe: "Yaa Ilmaan Israa'iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, namni Rabbitti qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda, Miidhaa raawwattootaaf tumsitoonni hin jiranu."
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
لَّقَدۡ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ ثَالِثُ ثَلَٰثَةٖۘ وَمَا مِنۡ إِلَٰهٍ إِلَّآ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۚ وَإِن لَّمۡ يَنتَهُواْ عَمَّا يَقُولُونَ لَيَمَسَّنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Isaan "Rabbiin sadaffaa sadeeniiti" jedhan dhugumatti kafaraniiru. Gabbaramaa tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru. Yoo waan jedhan (kana) irraa hin dhorgamin, dhugumatti warra isaan irraa kafaran adabbii laalessaa ta’etu tuqa.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَفَلَا يَتُوبُونَ إِلَى ٱللَّهِ وَيَسۡتَغۡفِرُونَهُۥۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Sila gara Rabbiitti tawbatanii araarama Isa hin kadhatanuu? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
مَّا ٱلۡمَسِيحُ ٱبۡنُ مَرۡيَمَ إِلَّا رَسُولٞ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٞۖ كَانَا يَأۡكُلَانِ ٱلطَّعَامَۗ ٱنظُرۡ كَيۡفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلۡأٓيَٰتِ ثُمَّ ٱنظُرۡ أَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ
Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee hintaane. Haati isaas akkaan dhugoomsituudha. Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan. Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali. Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُلۡ أَتَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَمۡلِكُ لَكُمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗاۚ وَٱللَّهُ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Jedhi: "Sila isin Rabbiin alatti waan miidhaafi faayidaa isiniif hin qabne gabbartuu? Rabbitu Isa hunda dhagayaa, hunda beekaadha."
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُلۡ يَٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ لَا تَغۡلُواْ فِي دِينِكُمۡ غَيۡرَ ٱلۡحَقِّ وَلَا تَتَّبِعُوٓاْ أَهۡوَآءَ قَوۡمٖ قَدۡ ضَلُّواْ مِن قَبۡلُ وَأَضَلُّواْ كَثِيرٗا وَضَلُّواْ عَن سَوَآءِ ٱلسَّبِيلِ
Jedhi: "Yaa warra kitaabaa! amantii keessan keessatti dhugaan ala (waan biraatti amanuun) daangaa hin dabrinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii dabranii, (namoota) heddus jallisaniifi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa."
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់ម៉ាអ៊ីដះ
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ