Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាត់ទូខន   វាក្យខណ្ឌ:

Addukhaan

حمٓ
Haa Miim.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha).
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ فِي لَيۡلَةٖ مُّبَٰرَكَةٍۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufne. Nuti dinniinoo taaneerra.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فِيهَا يُفۡرَقُ كُلُّ أَمۡرٍ حَكِيمٍ
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَمۡرٗا مِّنۡ عِندِنَآۚ إِنَّا كُنَّا مُرۡسِلِينَ
Ajaja nu biraa ta’e (ibsina) Nuti ergitoota taaneerra.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
رَحۡمَةٗ مِّن رَّبِّكَۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne). Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ
(Rahmata) Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eeti. Yoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa).
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa; ni ajjeessas. (Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kanneen duraati.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
بَلۡ هُمۡ فِي شَكّٖ يَلۡعَبُونَ
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فَٱرۡتَقِبۡ يَوۡمَ تَأۡتِي ٱلسَّمَآءُ بِدُخَانٖ مُّبِينٖ
Guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَغۡشَى ٱلنَّاسَۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٞ
(Aarri kun) namoota haguuga. Kun adabbii laalessaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
رَّبَّنَا ٱكۡشِفۡ عَنَّا ٱلۡعَذَابَ إِنَّا مُؤۡمِنُونَ
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَنَّىٰ لَهُمُ ٱلذِّكۡرَىٰ وَقَدۡ جَآءَهُمۡ رَسُولٞ مُّبِينٞ
(erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata, Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu?
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ثُمَّ تَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ وَقَالُواْ مُعَلَّمٞ مَّجۡنُونٌ
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraataadha” jedhan.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِنَّا كَاشِفُواْ ٱلۡعَذَابِ قَلِيلًاۚ إِنَّكُمۡ عَآئِدُونَ
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَوۡمَ نَبۡطِشُ ٱلۡبَطۡشَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ إِنَّا مُنتَقِمُونَ
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
۞ وَلَقَدۡ فَتَنَّا قَبۡلَهُمۡ قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَ وَجَآءَهُمۡ رَسُولٞ كَرِيمٌ
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirra. Ergamaan kabajamaanis isaanitti dhufe.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَنۡ أَدُّوٓاْ إِلَيَّ عِبَادَ ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
“gabroota Rabbii gara kiyya kennaa! Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa,” jechuun (isaanitti dhufe).
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាត់ទូខន
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ