Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: ហ្វាតៀរ   វាក្យខណ្ឌ:
وَمَا يَسۡتَوِي ٱلۡبَحۡرَانِ هَٰذَا عَذۡبٞ فُرَاتٞ سَآئِغٞ شَرَابُهُۥ وَهَٰذَا مِلۡحٌ أُجَاجٞۖ وَمِن كُلّٖ تَأۡكُلُونَ لَحۡمٗا طَرِيّٗا وَتَسۡتَخۡرِجُونَ حِلۡيَةٗ تَلۡبَسُونَهَاۖ وَتَرَى ٱلۡفُلۡكَ فِيهِ مَوَاخِرَ لِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦ وَلَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadha. Hunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattu. dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta, Akka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يُولِجُ ٱلَّيۡلَ فِي ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِي ٱلَّيۡلِ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمّٗىۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ لَهُ ٱلۡمُلۡكُۚ وَٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ مَا يَمۡلِكُونَ مِن قِطۡمِيرٍ
Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِن تَدۡعُوهُمۡ لَا يَسۡمَعُواْ دُعَآءَكُمۡ وَلَوۡ سَمِعُواْ مَا ٱسۡتَجَابُواْ لَكُمۡۖ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ يَكۡفُرُونَ بِشِرۡكِكُمۡۚ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثۡلُ خَبِيرٖ
Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu. (Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
۞ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ أَنتُمُ ٱلۡفُقَرَآءُ إِلَى ٱللَّهِۖ وَٱللَّهُ هُوَ ٱلۡغَنِيُّ ٱلۡحَمِيدُ
Yaa namootaa! Isin gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِن يَشَأۡ يُذۡهِبۡكُمۡ وَيَأۡتِ بِخَلۡقٖ جَدِيدٖ
Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ بِعَزِيزٖ
Suni Allaah irratti ulfaataa miti.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۚ وَإِن تَدۡعُ مُثۡقَلَةٌ إِلَىٰ حِمۡلِهَا لَا يُحۡمَلۡ مِنۡهُ شَيۡءٞ وَلَوۡ كَانَ ذَا قُرۡبَىٰٓۗ إِنَّمَا تُنذِرُ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُم بِٱلۡغَيۡبِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَۚ وَمَن تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفۡسِهِۦۚ وَإِلَى ٱللَّهِ ٱلۡمَصِيرُ
(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: ហ្វាតៀរ
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ