Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - សន្ទស្សន៍នៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាលីអុិមរ៉ន   អាយ៉ាត់:
وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرۡجَعُ ٱلۡأُمُورُ
Wantoonni samiifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti. Wantoonni hunduu gara Rabbiitti deebifamu.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
كُنتُمۡ خَيۡرَ أُمَّةٍ أُخۡرِجَتۡ لِلنَّاسِ تَأۡمُرُونَ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَتَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلۡمُنكَرِ وَتُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِۗ وَلَوۡ ءَامَنَ أَهۡلُ ٱلۡكِتَٰبِ لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۚ مِّنۡهُمُ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ وَأَكۡثَرُهُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittuToltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbitti ni amantu. Odoo abbootiin kitaabaa amananii, silaa gaarii isaaniif ta’a ture. Isaan irraa mu'uminoonnis ni jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
لَن يَضُرُّوكُمۡ إِلَّآ أَذٗىۖ وَإِن يُقَٰتِلُوكُمۡ يُوَلُّوكُمُ ٱلۡأَدۡبَارَ ثُمَّ لَا يُنصَرُونَ
Rakkisuu malee isin hin miidhanu. yoo isiniin lolan duuba isinitti deebi’u (isin dheeysu). Ergasii tumsa hin argatan.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
ضُرِبَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلذِّلَّةُ أَيۡنَ مَا ثُقِفُوٓاْ إِلَّا بِحَبۡلٖ مِّنَ ٱللَّهِ وَحَبۡلٖ مِّنَ ٱلنَّاسِ وَبَآءُو بِغَضَبٖ مِّنَ ٱللَّهِ وَضُرِبَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلۡمَسۡكَنَةُۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَانُواْ يَكۡفُرُونَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَيَقۡتُلُونَ ٱلۡأَنۢبِيَآءَ بِغَيۡرِ حَقّٖۚ ذَٰلِكَ بِمَا عَصَواْ وَّكَانُواْ يَعۡتَدُونَ
bakkuma isaan jiran hundatti salphinni isaan irra kaayamteetti, Yoo waadaa Rabbirraa ta’eefi waadaa nama irraa ta’een (eegaman) malee, Dallansuu Rabbirraa ta’eenis deebi’an; hiyyummaanis isaan irra kaayamte. Kun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa turaniifi karaan ala nabiyyoota ajjeesaa turaniifi. Kun waan isaan ajaja Rabbii didaniifi daangaa dabraa turaniifi.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
۞ لَيۡسُواْ سَوَآءٗۗ مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ أُمَّةٞ قَآئِمَةٞ يَتۡلُونَ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ ءَانَآءَ ٱلَّيۡلِ وَهُمۡ يَسۡجُدُونَ
Isaan wal qixa miti, Abbootii kitaabaa irraa namoota dhugaaf dhaabbatan, kan sujuudaa sa’aatii halkanii keeyyattoota Rabbii qara’antu jira.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَيَأۡمُرُونَ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَيَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلۡمُنكَرِ وَيُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Rabbittiifi guyyaa Aakhiraatti amanu; toltuuttis ni ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu; toltuu keessattis ni arifatu, Isaan sun warra gaggaarii irraayi.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَمَا يَفۡعَلُواْ مِنۡ خَيۡرٖ فَلَن يُكۡفَرُوهُۗ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِٱلۡمُتَّقِينَ
Toltuu irraa wanta hojjatan kamillee hin dhorgatamanu.Rabbiin warra (Isa) sodaatan beekaadha.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាលីអុិមរ៉ន
សន្ទស្សន៍នៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - សន្ទស្សន៍នៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ