Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់កះហ្វុី   វាក្យខណ្ឌ:
قَالَ هَٰذَا رَحۡمَةٞ مِّن رَّبِّيۖ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ رَبِّي جَعَلَهُۥ دَكَّآءَۖ وَكَانَ وَعۡدُ رَبِّي حَقّٗا
(Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’e, Yeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, bittinnaa’aa isa godha, Waadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.”
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
۞ وَتَرَكۡنَا بَعۡضَهُمۡ يَوۡمَئِذٖ يَمُوجُ فِي بَعۡضٖۖ وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَجَمَعۡنَٰهُمۡ جَمۡعٗا
Guyyaa (qiyaamaa) san garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifna. Garriin (xurumbaanis) ni afuufamaa, (uumama hunda) walittiqabiinsa walitti isaan qabna.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَعَرَضۡنَا جَهَنَّمَ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡكَٰفِرِينَ عَرۡضًا
Guyyaa san jahannamiin kaafirootaaf dhiyeessuu dhiheessina.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ٱلَّذِينَ كَانَتۡ أَعۡيُنُهُمۡ فِي غِطَآءٍ عَن ذِكۡرِي وَكَانُواْ لَا يَسۡتَطِيعُونَ سَمۡعًا
(Isaan) warra ijjoowwan isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenye turan.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَفَحَسِبَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن يَتَّخِذُواْ عِبَادِي مِن دُونِيٓ أَوۡلِيَآءَۚ إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا جَهَنَّمَ لِلۡكَٰفِرِينَ نُزُلٗا
Sila warri kafaran gabroota kiyya Anaa gaditti gabbaramtoota godhachuu yaaduu? Nuti jahannamiin kaafirootaf qubannoo qopheessineera.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُلۡ هَلۡ نُنَبِّئُكُم بِٱلۡأَخۡسَرِينَ أَعۡمَٰلًا
”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ٱلَّذِينَ ضَلَّ سَعۡيُهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَهُمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّهُمۡ يُحۡسِنُونَ صُنۡعًا
Isaan warra jiruu adunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha odoo isaan dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ وَلِقَآئِهِۦ فَحَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ فَلَا نُقِيمُ لَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَزۡنٗا
Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitiifi wal qunnamtii Isaatti kafarani. dalagaaleen isaanii baddee. Guyyaa Qiyaamaa miizaana isaaniif hin dhaabnu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُمۡ جَهَنَّمُ بِمَا كَفَرُواْ وَٱتَّخَذُوٓاْ ءَايَٰتِي وَرُسُلِي هُزُوًا
Isaan sun galanni isaanii jahannami. waan kafaranii keeyyattoota kiyyaafi ergamtoota kiyyas qishnaa godhataniif jecha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَانَتۡ لَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡفِرۡدَوۡسِ نُزُلًا
Warreen amananii, gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws qubannoota isaaniif taatee jirti.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
خَٰلِدِينَ فِيهَا لَا يَبۡغُونَ عَنۡهَا حِوَلٗا
Ishee keessa nituru. Ishee irraa jijjiiramuu hin barbaadan.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُل لَّوۡ كَانَ ٱلۡبَحۡرُ مِدَادٗا لِّكَلِمَٰتِ رَبِّي لَنَفِدَ ٱلۡبَحۡرُ قَبۡلَ أَن تَنفَدَ كَلِمَٰتُ رَبِّي وَلَوۡ جِئۡنَا بِمِثۡلِهِۦ مَدَدٗا
Jedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).”
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡ يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ فَمَن كَانَ يَرۡجُواْ لِقَآءَ رَبِّهِۦ فَلۡيَعۡمَلۡ عَمَلٗا صَٰلِحٗا وَلَا يُشۡرِكۡ بِعِبَادَةِ رَبِّهِۦٓ أَحَدَۢا
Jedhi: “Ani namuma akka keessaniiti. kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudha. Kanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu kajeelu dalagaa gaarii haa hojjatu; gabbartii Gooftaa isaa keessattis tokkollee hin qindeessin.”
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់កះហ្វុី
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ