Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អ៊ីសរ៉ក   វាក្យខណ្ឌ:
وَإِذَا مَسَّكُمُ ٱلضُّرُّ فِي ٱلۡبَحۡرِ ضَلَّ مَن تَدۡعُونَ إِلَّآ إِيَّاهُۖ فَلَمَّا نَجَّىٰكُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ أَعۡرَضۡتُمۡۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ كَفُورًا
Yeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqe, Isa malee wantoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni badu. Yeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtan. Namni akkaan kafaraa ta’eera.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَفَأَمِنتُمۡ أَن يَخۡسِفَ بِكُمۡ جَانِبَ ٱلۡبَرِّ أَوۡ يُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ حَاصِبٗا ثُمَّ لَا تَجِدُواْ لَكُمۡ وَكِيلًا
Sila sodaa dhabdanii? (Rabbiin) cinaa dachii isiniin kutuu, yookiin bubbee cirrachaa isin irratti erguu, ergasii isiniif hirkoo hin argattan.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَمۡ أَمِنتُمۡ أَن يُعِيدَكُمۡ فِيهِ تَارَةً أُخۡرَىٰ فَيُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ قَاصِفٗا مِّنَ ٱلرِّيحِ فَيُغۡرِقَكُم بِمَا كَفَرۡتُمۡ ثُمَّ لَا تَجِدُواْ لَكُمۡ عَلَيۡنَا بِهِۦ تَبِيعٗا
Moo sodaa dhabdanii yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee, qilleensarraa hobonboleettii isinitti ergee, bishaaniin isin dhidhimsuu sababa isin kafartaniif. ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan (hin sodaattanuu?)
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
۞ وَلَقَدۡ كَرَّمۡنَا بَنِيٓ ءَادَمَ وَحَمَلۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡبَرِّ وَٱلۡبَحۡرِ وَرَزَقۡنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ كَثِيرٖ مِّمَّنۡ خَلَقۡنَا تَفۡضِيلٗا
Dhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerra, Dachiifi galaana keessattis isaan yaabbachiifneerra, Wantoota gaggaarii (halaala) irraas isaaniif hirreera. Irra hedduu wanta uumnee irra caalchisuu isaan caalchifnee jirra.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَوۡمَ نَدۡعُواْ كُلَّ أُنَاسِۭ بِإِمَٰمِهِمۡۖ فَمَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ يَقۡرَءُونَ كِتَٰبَهُمۡ وَلَا يُظۡلَمُونَ فَتِيلٗا
Guyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu [yaadadhaa]. Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa (baqaqaa firii timiraa keessaa)llee hin miidhamanu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَمَن كَانَ فِي هَٰذِهِۦٓ أَعۡمَىٰ فَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ أَعۡمَىٰ وَأَضَلُّ سَبِيلٗا
Namni (addunyaa) tana keessatti jaamaa (qalbii) ta’e,inni aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَإِن كَادُواْ لَيَفۡتِنُونَكَ عَنِ ٱلَّذِيٓ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ لِتَفۡتَرِيَ عَلَيۡنَا غَيۡرَهُۥۖ وَإِذٗا لَّٱتَّخَذُوكَ خَلِيلٗا
Dhugumatti, isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone irraa si jallisuutti dhiyaatanii turan. akka ati soba isaan ala ta’e Nu irratti uumtuuf jecha. Oggas jaalallee si taasifatu ture.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلَوۡلَآ أَن ثَبَّتۡنَٰكَ لَقَدۡ كِدتَّ تَرۡكَنُ إِلَيۡهِمۡ شَيۡـٔٗا قَلِيلًا
Odoo Nuti gadi si dhaabuu baannee, silaa ati waan xiqqoo gara isaanii dabuutti dhihaattee turte.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِذٗا لَّأَذَقۡنَٰكَ ضِعۡفَ ٱلۡحَيَوٰةِ وَضِعۡفَ ٱلۡمَمَاتِ ثُمَّ لَا تَجِدُ لَكَ عَلَيۡنَا نَصِيرٗا
Oggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (adabbii) dachaa du’aa si dhandhamsiifna ture. Ergasii ati Nurraa tumsaa hin argattu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អ៊ីសរ៉ក
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ