Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: យូនូស   វាក្យខណ្ឌ:
وَمِنۡهُم مَّن يَنظُرُ إِلَيۡكَۚ أَفَأَنتَ تَهۡدِي ٱلۡعُمۡيَ وَلَوۡ كَانُواْ لَا يُبۡصِرُونَ
Isaan irraas namoota gara kee ilaalantu jira. Sila ati jaamaa qajeelchitaa? odoo isaan hin argine tahanillee.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَظۡلِمُ ٱلنَّاسَ شَيۡـٔٗا وَلَٰكِنَّ ٱلنَّاسَ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ
Rabbiin namoota homaa hin miidhu, Garuu namoonni ofiif lubbuulee isaanii miidhu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ كَأَن لَّمۡ يَلۡبَثُوٓاْ إِلَّا سَاعَةٗ مِّنَ ٱلنَّهَارِ يَتَعَارَفُونَ بَيۡنَهُمۡۚ قَدۡ خَسِرَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِلِقَآءِ ٱللَّهِ وَمَا كَانُواْ مُهۡتَدِينَ
Guyyaa (Rabbiin) walitti isaan qabu [yaadadhu]. Haala akka waan sa'aa takka guyyarraa taate malee hin turin itti fakkaatuun, gidduu isaaniitti wal beekan. Dhugumatti, warri qunnamtii Rabbii sobsiisan hoonga’aniiru; qajeeloo hin taane.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيۡنَا مَرۡجِعُهُمۡ ثُمَّ ٱللَّهُ شَهِيدٌ عَلَىٰ مَا يَفۡعَلُونَ
Garii waan waadaa isaaniif gallee yoo sitti argisiifne (toleera); yookiin yoo si ajjeefnes deebiin isaanii garuma keenya ta’a. Ergasii Rabbiin waan isaan dalagan irratti ragaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلِكُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولٞۖ فَإِذَا جَآءَ رَسُولُهُمۡ قُضِيَ بَيۡنَهُم بِٱلۡقِسۡطِ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Ummata hundaaf ergamaan (ergamee) jira. Yeroo ergamaan isaanii dhufe jidduu isaaniitti haqaan murteeffama isaan hin miidhaman.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Nijedhan “waadaan kun yoomi Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ?”.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُل لَّآ أَمۡلِكُ لِنَفۡسِي ضَرّٗا وَلَا نَفۡعًا إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۗ لِكُلِّ أُمَّةٍ أَجَلٌۚ إِذَا جَآءَ أَجَلُهُمۡ فَلَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ سَاعَةٗ وَلَا يَسۡتَقۡدِمُونَ
Jedhi “ ani lubbuu kiyyaaf miidhaas ta’ee bu’aas fiduu hin danda’u Waan Rabbiin fedhe malee, Ummata hundaaf beellamatu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe, sa’aatii tokkos booda hin aanan; duras hin dabran.”
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِنۡ أَتَىٰكُمۡ عَذَابُهُۥ بَيَٰتًا أَوۡ نَهَارٗا مَّاذَا يَسۡتَعۡجِلُ مِنۡهُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Jedhi “Mee naaf himaa! yoo adabbiin Isaa halkan yookiin guyyaa isinitti dhufe, badii raawwattoonni isa irraa maal jarjarfatu?”.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَثُمَّ إِذَا مَا وَقَعَ ءَامَنتُم بِهِۦٓۚ ءَآلۡـَٰٔنَ وَقَدۡ كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ
“Sila ogga inni argamee booda isatti amantuu? Sila odoo duraan jarjarfataa turtanii amma amantuu?” (jedhamaan).
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ثُمَّ قِيلَ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡخُلۡدِ هَلۡ تُجۡزَوۡنَ إِلَّا بِمَا كُنتُمۡ تَكۡسِبُونَ
Ergasii isaan miidhaa hojjataniin ni jedhama: “Azaaba turaa dhandhamaa! Sila waan hojjataa turtaniin malee ni mindeeffamtuu?”
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
۞ وَيَسۡتَنۢبِـُٔونَكَ أَحَقٌّ هُوَۖ قُلۡ إِي وَرَبِّيٓ إِنَّهُۥ لَحَقّٞۖ وَمَآ أَنتُم بِمُعۡجِزِينَ
“Sila inni (Guyyaan Qiyaamaa) dhugaa dhaa?” (jechuun) si odeeffatu. “Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Inni dhugaadha, Isin (Rabbiin) dadhabsiisoo hintaane” jedhi.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: យូនូស
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ