Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሷድ   አንቀጽ:
وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ أَهۡلَهُۥ وَمِثۡلَهُم مَّعَهُمۡ رَحۡمَةٗ مِّنَّا وَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe). Rahmata nubiraa taheefii, gorsa warra sammuu qabaniif jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَخُذۡ بِيَدِكَ ضِغۡثٗا فَٱضۡرِب بِّهِۦ وَلَا تَحۡنَثۡۗ إِنَّا وَجَدۡنَٰهُ صَابِرٗاۚ نِّعۡمَ ٱلۡعَبۡدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٞ
“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen). (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarre. Gabricha akkam gaarii ta’e! inni akkaan tawbaa deebi’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱذۡكُرۡ عِبَٰدَنَآ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَ أُوْلِي ٱلۡأَيۡدِي وَٱلۡأَبۡصَٰرِ
Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّآ أَخۡلَصۡنَٰهُم بِخَالِصَةٖ ذِكۡرَى ٱلدَّارِ
Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُمۡ عِندَنَا لَمِنَ ٱلۡمُصۡطَفَيۡنَ ٱلۡأَخۡيَارِ
Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱذۡكُرۡ إِسۡمَٰعِيلَ وَٱلۡيَسَعَ وَذَا ٱلۡكِفۡلِۖ وَكُلّٞ مِّنَ ٱلۡأَخۡيَارِ
Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا ذِكۡرٞۚ وَإِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ لَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
Kuni (isaaniif) faaruudha. Isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
جَنَّٰتِ عَدۡنٖ مُّفَتَّحَةٗ لَّهُمُ ٱلۡأَبۡوَٰبُ
Jannata qubsumaa kan balballoonni isaaniif banaa ta’antu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُتَّكِـِٔينَ فِيهَا يَدۡعُونَ فِيهَا بِفَٰكِهَةٖ كَثِيرَةٖ وَشَرَابٖ
Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatu. Ishee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَعِندَهُمۡ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ أَتۡرَابٌ
Dubartoota (nama biraa ilaaluu irraa) ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِيَوۡمِ ٱلۡحِسَابِ
Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ هَٰذَا لَرِزۡقُنَا مَا لَهُۥ مِن نَّفَادٍ
Kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَاۚ وَإِنَّ لِلطَّٰغِينَ لَشَرَّ مَـَٔابٖ
Kun (kan mu’uminootaati) Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
جَهَنَّمَ يَصۡلَوۡنَهَا فَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ
Jahannama ishee seenantu jira. Afatichi waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا فَلۡيَذُوقُوهُ حَمِيمٞ وَغَسَّاقٞ
Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَءَاخَرُ مِن شَكۡلِهِۦٓ أَزۡوَٰجٌ
[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا فَوۡجٞ مُّقۡتَحِمٞ مَّعَكُمۡ لَا مَرۡحَبَۢا بِهِمۡۚ إِنَّهُمۡ صَالُواْ ٱلنَّارِ
Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin) “Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ بَلۡ أَنتُمۡ لَا مَرۡحَبَۢا بِكُمۡۖ أَنتُمۡ قَدَّمۡتُمُوهُ لَنَاۖ فَبِئۡسَ ٱلۡقَرَارُ
(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhamin. Isintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ رَبَّنَا مَن قَدَّمَ لَنَا هَٰذَا فَزِدۡهُ عَذَابٗا ضِعۡفٗا فِي ٱلنَّارِ
Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሷድ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ተተረጎመ

መዝጋት